5 Ani waanan Maqedooniyaa keessa darbuuf, yeroon Maqedooniyaa keessa darbutti isin bira nan dhufa. 6 Akka isin iddoo ani dhaqu hundatti karaa koo irratti na gargaaruu dandeessaniif tarii yeroo xinnoo isin bira nan tura taʼa; yookaan ganna isin bira nan tura taʼa. 7 Yoo Gooftaan jedhe ani waanan yeroo muraasa isin bira turuu abdadhuuf, amma utuun darbuu goree isin arguu hin barbaadu. 8 Hamma guyyaa Pheenxeqoosxeetti garuu Efesoon keessa nan tura. 9 Balballi guddaanii fi buʼaa qabeessi tokko naa banameeraatii; mormitoonnis baayʼee dha.
10 Yoo Xiimotewos gara keessan dhufe waan innis akkuma koo hojii Gooftaa hojjetuuf yeroo inni isin bira turutti akka inni waa tokko iyyuu hin sodaanne godhaa. 11 Kanaaf namni tokko iyyuu isa hin tuffatin; akka inni gara kootti deebiʼuufis nagaadhaan ergaa; ani obboloota wajjin isa eegaan jiraatii.
12 Waaʼee obboleessa keenya Apholoos immoo akka inni obboloota kaan wajjin gara keessan dhufuuf ani jabeessee isa kadhadheen ture. Inni garuu amma dhufuuf gonkumaa fedhii hin qabu; yeroo isaaf mijaaʼutti garuu ni dhufa.