8 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Ani murgoo worra Mo'aabii, arraba worra Amooniille ka isaan kolbaa tiyya arrassanee, lafa isaanii qabatiisaaf itti kooranelle dhage'eera. 9 Tanaaf, ani dhugumaan jiraata'a; worri Mo'aabii akka worra Sodoomii worri Amooniille akka worra Gomora'aa addee midhaan ijjumaa itti hin lannee fi addee boolla sooddaa, addee haga bara baraa diigante hin te'an; kolbaan tiyya worri lubbu'uun hafe karra isaanii hin saaman; lafa isaanille hin dhaalan» jedha.
10 Kolbaan Mo'aabiitii fi Amoonii kolbaa Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee irratti murganee waan kooraneef gatii koora ifii hin dhaggatan. 11 Mootiin Waan Maraa waaqota dharaa ka lafa isaanii mara yennaa balleessu, isaan biratti ka sodaatame hin te'a; gosi biyya adda addaa ta cinaa abbaaya'aatii fi oddoolotaa marti tokko tokkoonuu addee jiranutti isaaf hin sagadan.
12 Isinille, ee worra Itoophiya'aa[a]! Shallaagaa kiyyaan hin ijjeefantan.
13 Inni hunna ifiitiin worra kaabaa Asoor hin balleessa; Nanawweelle onsee akka goomole'ee hin gossa. 14 Hori'ii fi bineensoti adda addaa achi hin ciisan; urungu'uu fi harraaqessi utubaa isi'ii irra hin bulan; qoonqoon isaaniille karaa foddaa manaatiin hin dhage'ama; karaa balbalaatiin kosiin hin tuulama. Utubaan dareeraa ka hindheensaa duwwaa hin hafa. 15 Qachaan kun ka nageyaa fi gammadaan le'u; ka ifiin, «Ana malee nami dhibiin hin jiru» jedhee yaade, amma ammoo attamiin addee ona bineensi keessa le'u te'e? Worri karaa san dabaru martinuu, harka ifii ol qabee itti hin murga.
<- Sefaaniyaa Raagichaa 1Sefaaniyaa Raagichaa 3 ->- a Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
Languages