1 Ani ammalle yennaa ilaalee, kitaaba maramaa tokko gubbaa irra ka'uun[a] dhagge; 2 ergamaan Waaqaa, «Ati maan dhaggiisatti jirta?» jedhee na gaafate; anille deebisee, «Kitaaba maramaa dheerinni isaa ciqilee diddama, badhinni isaa ciqilee kudhan te'e tokko gubbaa irra ka'uun dhagga» jedheen. 3 Innille, «Kun abaarsa lafa duudii irratti dhufu. Kitaaba maramaa san gama tokko irratti, ‹Nami hatu duudiin lafa irraa hin bada› ka jedhutti jira; gama kaan irralle'etti ‹Nami dharaan kakatu duudiinille hin bada› ka jedhutti jira. 4 Mootiin Waan Mara Ka Waan Mara Dade, ‹Ani abaarsa gara mana nama hatuutii fi gara mana nama dharaan kakatuu seenu hin erga; inni mana isaanii keessa turee, mana isaanii mukaa fi dhakaa isaalle hin balleessa› jedha» jedhe.
Mudhii Dubartii Saaxaraa Keessaa
5 Achiin duuba ergamaan Waaqaa gara kiyya dhufee, «Ol ilaal! Wonni dhufaaru kun maan inni?» anaan jedhe.