7 Atinuu waan duudi'iin fakkeenna dansaa isaaniif te'i. Barsiisiisa keeti keessalle'etti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te'uu keeti mudhisi. 8 Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te'e ka hin tuffatanne dubbadhu.
9 Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi, 10 akka isaan jalaa wo hin hanne barsiisi. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi'iin akka tolu yennaa mara worra dansa'aa fi addatamaa akka te'ane mudhisanuu ti.
11 Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera. 12 Badhaadhi kun cubbu'uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa. 13 Addii gammachiittuu[a] fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna. 14 Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
15 Worra si dhage'u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu'uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatin.
<- Tiitoos 1Tiitoos 3 ->- a Addii gammachiittu: Addii eebbifante
Languages