5 Achiin duuba Bo'az, «Guyyaa lafa Naa'oom[a] irraa bitattu, maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, Ruutii Mo'aabittii, haadha hiyyeessaalle hin dhaalta» jedheen.
6 Namichi fira aanti'ii, «Yoo akkas teete, ijoolleen tiyya waan hin dhaalleef ani hin bitadhu; ani waan hin bitanneef, haqa kiyya fudhadhuutii atummaan bitadhu» jedhe.
7 Dur biyya Israa'elii keessatti, bitataa fi jijjiirata irratti: dubbii mirkaneessiisaaf, nami tokko kophee baafatee kaaniif kenniis aada'a; Israa'el keessatti akka kanaan bitta'aa fi jijjiirraan seera qabeessa te'a.
8 Tanaaf namichi fira aanti'ii kuun, Bo'aziin, «Atummaan ifumaaf bitadhu» jedhee kophee ifii baafatee kenne.
9 Achiin duuba Bo'az jaarsole'ee fi kolbaa achi jirtu maraan, «Waan Eliimelekii, waan ilmaan isaa Kiliyoonii fi Maahiloon qabanulle maraayyuu, adha ani Naa'oom irraa akka bitadhe isin dhugaa tiyya. 10 Karra isaa irratti maqaa namicha du'ee badii dhooggiisaaf, biyya itti dhalatee fi kolbaa isaa keessaa maqaan isaa akka hin banne, Ruutii biyya Mo'aabii ta Maahiloon irraa du'e, akka niitii naa teetu, ani fuudheera. Tana duudi'iif isin adha dhugaa tiyya» jedhe.
11 Achiin duuba jaarsole'ee fi kolbaan addee yaa'i'ii jirtu marti, «Ee, nuuti dhugaa sii teena. Mootiin Waan Maraa dubartii gara mana keetii dhufaartu tana, akka Raahelii fi Liyaa ijoollee Yaaqoobiif horanee si'iif godhuu ti. Efraataa keessatti hori; Beeteelem keessalle'etti beekkam. 12 Ilmaan Mootiin Waan Maraa karaa intala tanaatiin sii kennuun, maatiin teeti akka maatii Faaresii, ka Taamaar Yihuda'aaf deettee teetu» jedhane.
17 Dubartooti ollaa sanii, «Ilmi Naa'oomiif laa dhalate» jedhanee, maqaa muca'aa, «Yoobeed» baasane.
18 Sanyiin Faaresii isaan kana: Faares, Hesrom uumate, 19 Hesrom, Raam uumate; Raam, Aminaadaab uumate, 20 Aminaadaab, Nahasoon uumate; Nahasoon, Salmoon uumate. 21 Salmoon, Bo'az uumate; Bo'az, Yoobeed uumate; 22 Yoobeed, Isey uumate; Isey Daawiti uumate.
<- Kitaaba Ruutii 3- a Naa'oom irraa: Hiikkaan durii durii gariin Naa'oomii fi Ruuti irraa jedha.
Languages