5 Du'a isaatiin yoo akkas isa woliin tokko teene, du'aa ka'iisa isaatille'een isa woliin tokko hin teena. 6 Le'iin teenna cubbaalettiin akka badduu fi garboolee cubbu'uu te'iis keenna akka hafuuf, nafi keenna dullachi Kiristoos woliin akka fannifame hin beenna. 7 Nami du'e hunna cubbu'uu jalaa bilisa bayeera. 8 Yoona yoo Kiristoos woliin duune, isa woliin jiru'uun akka leenu hin dhugeeffanna. 9 Kiristoos waan du'aa ka'eef, deebi'ee akka hin duunee fi duutille isa irratti baallii akka hin qanne hin beenna. 10 Inni yennaa du'e akka cubbuun isa irratti hunna hin qabaanneef, takkumaan yennaa maraaf du'e; ammalle yennaa jiru'uun le'u, Waaqaaf le'a. 11 Isinille akka cubbuu jalaa duutanee, karaa Yesuus Kiristoosiitiin Waaqaaf leetanuutitti ifi laakkowa'a.
12 Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du'u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina'a. 13 Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu'uu gootanee cubbu'uuf hin dhikeessina'a; ammoo akka worra du'a keessaa bayee gara jiru'uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa'a; nafa keessan duudii meya balchumma'aa godha'aatii Waaqaaf dhikeessa'a. 14 Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.
20 Isin yennaa garboota cubbu'uu teetane, balchummaa jalaa bilisa jirtaniiyyu. 21 Waan amma ittiin fokkifattanu kana irraa yennaa san bu'aa maan dhaggattane ree? Muummeen waan saniille du'a! 22 Amma ammoo cubbuu jalaa baatanee garboota Waaqaa waan teetaneef woyyummaa hin dhaggatan; muummeen woyyumma'aalle jiruu bara baraa ti. 23 Gatiin cubbu'uu du'a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
<- Worra Rooma'aa 5Worra Rooma'aa 7 ->
Languages