9 Badhaadhiisi kun worra haqanqabaa qabate qofaaf moo, yookiin worra haqanqabaa hin qabatinille'eef ree? Worra haqanqabaa hin qabatinille'eef. Nuuti, «Abrahaam Waaqatti dhugeeffatee, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti laakkowanteef» jenna. 10 Dhugeeffannaan Abrahaamiif, balchumma'atti ka laakkowanteef yoom? Haqanqabaa qabateen dura moo duuba? Adoo haqanqabaa hin qabatin dura malee, duubaa moti. 11 Abrahaam haqanqabaa adoo hin qabatin dura, dhugeeffannaan isaa balchumma'atti akka laakkowanteef, beessisa mirkaneessu akka te'uuf haqanqabaa qabate; tanaaf Abrahaam worra adoo haqanqabaa hin qabatin dhugeeffatuu fi dhugeeffannaan isaaniille balchumma'atti laakkowantu maraaf abba'a. 12 Akkasuma Abrahaam worra haqanqabaa hin qabatinille'eef abba'a; waan isaan haqanqabaa qabatane qofaaf adoo hin te'in, waan isaan dhugeeffannaa inni adoo haqanqabaa hin qabatin dura qabulle hordofaneef, worra haqanqabaa qabateef abbaa te'e.
16 Tanaaf waadaan dhugeeffannaa irratti hundooyeeraayyu; waadaan kunille, ka sanyii Abrahaamii maraaf, Waaqa irraa badhaadhaan kenname akka te'e tanaan mirkanoweera. Kunille, worra akka Abrahaamii dhugeeffate maraaf malee, worra Seera hordofu qofaafii moti; Abrahaam nu maraafuu abba'a.[a] 17 Barreeffam Woyyichi marroo Abrahaamii yennaa dubbatu, «Gosa heddu'uuf abbaa si godheera» jedha; Waaqa worra du'e du'aa kaasuu fi waan hin jirre jiraachisutti Abrahaam waan dhugeeffateef, Waaqi waadaa kana isaaf gale. 18 Abrahaam addee wonni addachiisu hin jirretti addatee, akkuma Barreeffam Woyyichi, «Sanyiin teeti hin heddatti» jedhu, abbaa gosa heddu'uu te'e. 19 Inni nama gara woggaa dhibbaa ti; ammoo nafa ifii ka du'a geye, yookiin gadaamessa Saara'aalle ka dewuu hin dandeenne herregee dhugeeffanna'aan hin dadhanne. 20 Inni dhugeeffanna'aan jabaatee Waaqa ulfeesse malee, dhugeeffatiisa dhabee, waadaa Waaqaa hin mamne. 21 Waaqi waadaa gale ka muummessu akka te'elle gadhaa tokkochaan dhugeeffateeraayyu. 22 Tanaaf dhugeeffannaan Abrahaamii balchumma'atti isaa laakkowante. 23 Te'uu malee jechi, «Balchumma'atti laakkowameef» jedhu, Abrahaam calla'aaf adoo hin te'in, 24 nu'ulle'eef barreeffame. Nu worra Waaqa Goottaa keenna Yesuus du'aa kaasetti dhugeeffannuufille, dhugeeffannaan teenna balchumma'atti nu'uuf hin laakkowanti. 25 Yesuus sababa cubbuu teennaatiif du'aaf dabarfamee kennamee, nu balchoonsiisaaf du'aa ka'e.
<- Worra Rooma'aa 3Worra Rooma'aa 5 ->- a Gal. 3:7
Languages