7 Maan te'inna ree? Kolbaan Israa'elii waan barbaaddu hin dhagganne. Worri dhaggatane worra diqqaa Waaqi fooyate qofaayyu; worri kuun waamicha Waaqaatiif gurra duudane. 8 Tunille tama Barreeffam Woyyichi,
11 Ammalle ani hin gaafadha: Yihudooti yennaa gufatane, akka jiganee hafanuuf ree? Ijjumaa waawwo'o; sababa Yihudooti Seera cassaneef worri Yihudoota hin te'in fayyinna dhaggate; worra Yihudoota hin te'in irratti akka Yihudooti hinaafanuuf tun teete. 12 Seera cassiisi Yihudootaa biyya lafaatiif eebba guddaa yoo te'e, jinnanni isaaniille worra Yihudoota hin te'iniif durummaa yoo te'e, adoo Yihudooti fayyanee fa'a eebba caalu attamiititti te'a ree!
16 Bukoo takkaa irraa diqqoon isi'ii mataa godhantee, Waaqaaf kennante yoo woyyoonte, bukoon duudiinuu woyyuu teeti; akkasuma hiddi muka tokkoolle Waaqaaf kennamee yoo woyyoome, dameeleelle woyyuu hin teeti. 17 Dameeleen ejersa ficha'atti dhaabamee yoo caccadde, dameelee ejersa badda'aa itti qabachiisan. Isin worri Yihudoota hin te'in akka ejersa bada'aa san, eebba isaanii worra qoodamu yoo teetane, 18 Yihudoota akka dameele'ee caccabane san irratti hin koorina'a. Yoo koortane ammoo isin dameelee qofa waan teetaneef, hiddi isin ba'ata malee, isin hidda ba'atuu akka hin dandeenne qaabadha'a.
19 Ati ammoo, «Akka ani addee isi'ii bu'ee itti qabadhuuf[b] dameeleen sun caccadde» hin jetta fa'a. 20 Sun dhuga'a. Isaan waan dhugeeffatiisa dhabaneef caccabane, ati ammoo waan dhugeeffatteef jabaattee dhaabbatte. Maarre sodaadha'a malee, hin koorina'a. 21 Waaqi Yihudoota dameelee dadante te'ane yoo adde'etti hin lakkisin, adde'etti si lakkisa jettee yaadattaa? 22 Asitti Waaqi attam akka gadhaa laafuu fi attam akka gadhaa jabaatu dhaggina. Inni worra jiganetti gadhaa jabaata, ati gadhi laafummaa isaatiin ka jabaattee jiraattu yoo teete si'iif ammoo gadhaa laafa. Ammoo ati yoo gadhi laafummaa isaatiin jabaattee hin jiraatin, atille irraa hin caccadda. 23 Yihudootille yoo dhugeeffatiisa dhaba isaanii lakkisane, isaan addee dur jiranutti hin deebi'an; sababille Waaqi san godhiisaaf dande'a. 24 Isin worri Yihudoota hin te'in, ka dameelee ejersa badda'aa ta caccadde teetane, ejersaa ficha'atti dhabametti qassiifamuu yoo dandeettane, Yihudooti dadamaan dameelee ejersa ficha'a te'ane, addee ifii duriititti deebi'ane attam qassiifamuu dadhaban ree!
28 Yihudooti Oduu Gammadaa waan hin fudhatiniif, bu'aa teessaniif jedhanee diinota Waaqaa te'aneeran. Karaa filanno'ootiin ammoo, sababa abbootii isaaniitiif jaalota Waaqaa ti. 29 Kennansaa fi waamichi Waaqaa hin jijjiiramu. 30 Isin worri Yihudoota hin te'in kanaan dura worra Waaqaaf hin ajajanne; amma ammoo worri Yihudootaa waan ajajamuu didaneef isin marartii Waaqaa dhaggattane. 31 Akkuma isin marartii dhaggattane, isaaniille marartii dhaggatiisaaf, amma ka Waaqaaf hin ajajanne te'aneeran. 32 Waaqi nama maraaf marartii mudhisiisaaf jedhee, ajajamuu diduu jalatti kolbaan mara ta hidhante akka teetu godhe.
Languages