4 Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage'e; worri gosa Israa'elii mara keessaa chaappa'aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur. 5 Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, 6 gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase'ee keessaa kuma kudha lama, 7 gosa Shimi'oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi'ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, 8 gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame.
13 Achiin duuba maanguddoota keessaa tokkochi, «Worri woyaa adii uffateeru kun eennu fa'a? Eessaa dhufane?» jedhee na gaafate.
14 Anille, «Goottaa kiyya, si'ittuu beeka» jedheen. Innille, «Isaan worra rakkinna guddaa keessaa bayanee dhufane; woyaa ifiille dhiiga Hoolichaatiin dhiqatanee addeeffataneeran.[a] 15 Tanaaf isaan barcumaa mootumma'aa ka Waaqaa dura dhaabbatanee, halkanii fi guyyaa Galma Waaqaa keessatti isa tajaajilan; ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eerulle dunkaanii ifii isaan gubba'atti hin diriirsa. 16 Haganaa achi hin beelowanu; deebi'aneelle hin dheebotanu, aduun isaan hin dhoottu, o'i finiinaalle isaan hin gubu. 17 Sababille, Hoolichi odduu barcumaa mootumma'aa jiru tissee isaanii hin te'a; gara madda bisaan jiru'uulle isaan hin geessa. Waaqille ila isaanii irraa imimmaan mara hin haqa» anaan jedhe.
<- Mudhii Yohaannisii 6Mudhii Yohaannisii 8 ->- a Mat. 24:21; Mar. 13:19
Languages