5 Ka barcumaa mootumma'aa irra tee'eeru sunille, «Kunoo, ani waan mara haareya godha!» jedhe; itti dabaleelle, «Jechi kun addatama'aa fi dhugaa waan te'eef barreessi» naan jedhe. 6 Akkasuma, «Muummotte! Alfa'aa fi Omeegaan, jalqabaa fi muummeen ana; ka dheeboteef madda bisaan jiru'uu irraa toluma kenna. 7 Ka injifatu, kana duudii hin dhaala; anille Waaqa isaaf te'a, innille ilma naaf te'e. 8 Qoodi worra yara'aa, worra hin dhugeeffannee, worra battiyye'ee, worra nama ijjeesuu, worra sagaagaluu, worra xanuu, worra waaqa dharaa waaqonfatuutii fi worra dharaameyyi'ii ammoo, abbaayaa dhakaa bobe'uutii fi ibiddaatitti qolaanfamuu hin te'a. Kun du'a lammeesso'oo ti» naan jedhe.
15 Ergamaan Waaqaa ka na woliin dubbatiisatti jiru sun mikii[b] ulee worqi'ii ta ittiin qachaa, karrootaa fi dalleya dhaka'aa miku qabaayyu. 16 Dheerinnii fi badhinni qachaa sanii haguma tokko te'ee, maddii arfaniinuu wol qixxe'e; ergamaan Waaqaa qachaa san ulee ittiin mikanuun mikee, dheerinni isaa staadiyaa[c] kuma kudhanii lama te'e; badhinnaa fi ol dheerinni isaalle haguma san te'e. 17 Ergamaan Waaqaa dalleya dhaka'aa san mike; yennaa ergamaan Waaqaa mike, waan ittiin mikanu ka beekkameen ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur te'e. 18 Dalleenni dhaka'aa sun dhakaa Yaasphisiitiin hujameera; qachaan sunille worqii qulloontee akka daaw'iti'ii ca'a jetteen hujameera. 19 Hundeen dalleya qacha'aa dhakaa gatii guddo'oo ka adda addaatiin seefameera. Dhakaan gatii guddo'oo ka hundeen irra dhaabbate sunille: ka qaraa Yaasphis, ka lammeesso'oo Safiiros, ka sadeesso'oo Kaalqedon, ka arfeesso'oo Simaaragidos, 20 ka shaneesso'oo sardoniikis, ka jayeesso'oo saardiyon, ka torbeesso'oo kirisoliixos, ka saddeetesso'oo beerilos, ka sagaleesso'oo tophaaziyon, ka kudhaneesso'oo kirisophiraasos, ka kudha tokkeesso'oo Hiiyaakinxos, ka kudha lammeesso'oo ametiisxos. 21 Karri kudha lamaanuu dooqa kudha lama qaddi; karri sunille tokko tokkonuu dooqa irraa hujameera; karaan qachaa sanii worqii qulqulluu akka daaw'itii ifa ifi keessa dabarsituutiin hujameera. 22 Waaqi Goottaan waan mara dande'uu fi Hoolichi Galma Waaqaa ka qachaa sanii waan te'aneef, qachaa san keessatti Galma Waaqaa ani hin dhaggine. 23 Ulfinni Waaqaa, qachaa saniif ifa waan kennuu fi Hoolichille ifa isaa waan te'eef, qachaa saniif aduun yookiin jiin akka issuuf hin barbaachisu. 24 Gosi biyya adda addaa ifa qachaa sanii keessa deddeeman; moototi lafaalle karra ifii ta ulfinnaa gara qachaa sanii fidan. 25 Halkan achi waan hin jirreef, karri qachaa sanii guyyaa tokkolle hin cufantu. 26 Ulfinnii fi guddinni gosa biyya adda addaa gara qachaa kanaa galan. 27 Worra kitaaba jiru'uu, ka Hoolichaa keessatti barreeffame malee, worri battii hujuu fi worri dhara dubbatu duudiin itti hin galu.
<- Mudhii Yohaannisii 20Mudhii Yohaannisii 22 ->
Languages