4 «Te'uu malee, waan si ciicadhu[a] qaba; sunilleen, jaalala duri qaddu lakkitteerta. 5 Yoona maan irraa akka jidde yaadadhu! Cubbuu irraa deebi'iitii hujii duri hujju huji! Yoo cubbuu irraa hin deebi'in, ani sitti dhufee waan issaan keeti irra keyamu addee isaatii fuudha. 6 Ammoo waan dansaa kana qadda: Hujii Niqolaawotaa ta ani jibbu atille hin jibbita.
7 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu, muka jiruu kennu ka fichaa Waaqaa[b] keessa jiru irraa akka nyaatu hin tolcha.[c]
11 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nami injifatu du'a lammeesso'ootiin hin miidhamu.[e]
14 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu waan diqqaa qaba: Ijoolleen Israa'elii sagalee waan Waaqa hin te'iniif woreegante akka nyaattuu fi akka sagaagaltu gufuu dura keyiisaaf, barsiisa Bala'aamii ka Baalaaq barsiise worri hordofu isin keessa jira. 15 Akkasuma barsiisa worra Niqolaawotaa worra hordofulle qadda. 16 Tanaaf cubbuu irraa deebi'i; yoo akkas hin te'in, ani ariifadhee dhufee, shallaagaa afaan kiyyaatiin isaan hin lola.
17 «Nami gurra qabu, waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti! Nama injifatuuf sagalee mannaa jedhantu ta dhokatteertu hin kennaaf. Akkasuma dhakaa adii ka maqaan haarenni irratti barreeffameeru, ka nama fudhatu san malee eennulle hin beenne hin kennaaf.
20 «Te'uu malee waan si irratti ciicadhu qaba: Dubartii Iizaabel jedhantu ta ifiin, ‹Ani raaddu'u› jettu cadhittee itti lakkitteerta. Isiin barsiisa ifiitiin akka tajaajiltooti tiyya sagaagaltuu[f] fi sagalee waaqa dharaatiif woreegante akka nyaattu dokonkorsiti. 21 Akka isiin cubbuu sagaagalumma'aa irraa deebituuf yennaa isi'iif kenneeraayyu; isiin ammoo deebi'uu didatte. 22 Maarre ani akka isiin dhukkuffattee taqee irra ciittu godha[g], worri isii gaarayyeeffatulle hujii isi'ii hantuu irraa yoo hin deebi'in, ani rakkinna guddaa itti fida. 23 Ijoollee[h] isi'iille hin ijjeesa; kanaan wolde'ooti kiristaanaa duudiin, ka yaadaa namaatii fi gadhaa namaa qorqoru ana akka te'e hin hubatan. Tokko tokkoo keessaniifuu akkuma hujii teessaniititti isiniif hin kenna.
24 «Tiyaatiraa keessatti, isin worra barsiisa isi'ii hin hordofinii fi ‹Dhossaa guddoo Seexanaa› ta jedhante worra hin baratin hattaneen ammoo, waan jedhu: Ba'aa dhibii isin irratti hin fe'u; 25 haga ani dhufutti woma qaddanu san jabeessa'aa qabadha'a. 26-27 Akkuma ani abbaa kiyya biraa baallii fudhadhe, nama injifatuu fi nama hujii tiyya haga muumme'eetitti hujuuf, gosa mara irratti baallii hin kennaaf; innille, ulee bokku'uu ta sibiilaatiin gosa san hin bulcha; akka okkotee faaraalle isaan caccassee butucha. 28 Bakkalcha bari'iille ani isaaf hin kenna.
29 «Nami gurra qabu waan Ayyaanni Waaqaa wolde'oota kiristaanaatiin jedhu dhage'uu ti!» ta jettu.
<- Mudhii Yohaannisii 1Mudhii Yohaannisii 3 ->
Languages