1 Kanaan duuba qoonqoo, qoonqoo kolbaa bindilla'aa fakkaattu, qoonqoo guddoo ol-gubbaa irraa dhage'e; isiille, «Halle luuyyaa! Fayyisiis, ulfinnii fi hunni ta Waaqa keennaa ti! 2 Muraan isaa dhuga'aa fi sirrii waan teeteef, inni sagaagaltuu guddittii sagaagalummaa ifiitiin lafa balleessite sanitti mureera; dhiiga tajaajiltoota ifii ta isiin dhangalaattelle baaseera» ta jettu.
3 Ammalle itti dabalanee, «Halle luuyyaa! Aarri qachaa gubatu sanii, bara baraa haga bara baraa ol ka'a» jedhane. 4 Maanguddooti diddamii afurii fi dadi lubbuu qaddu arfan gadi lafatti jiganee, Waaqa barcumaa mootummaa ifii irra tee'eeruuf sagadanee, «Ameen, halle luuyyaa!» jedhane.
6 Kanaan duuballe waan akka qoonqoo kolbaa bindilla'aa, ta akka shookkessa bisaan yaa'uutii fi gikkeessa mandiisuu jaddu'uu fakkaattu takka dhage'e, isiille, «Halle luuyyaa! Goottaan keenna Waaqi, ka waan mara dande'u mooti'i. 7 Guyyaan jila fuudha Hoolichaa waan geyee fi waajibittiin isaalle waan ifi qopheeffatteef, kowa'a gammannee ilillinnaa! Ulfinnalle isaaf kennina! 8 Woyaan quncee talba'aa irraa hujante, ta calalaxxuu fi qulqullittiin, akka isiin uffattuuf isi'ii kennante» ta jettu; woyaan quncee talba'aa irraa hujante sunille hujii balchittii kolbaa Waaqaa ti.
9 Ergamaan Waaqaa sun anaan, « ‹Worri gara jila fuudha Hoolichaa waamame worra badhaadhe› jedhii barreessi» jedhe. Itti aanseelle, «Kun jecha Waaqaa dhugicha» naan jedhe.[a]
10 Anille isaaf sagadiisaaf miila isaatitti jige; inni ammoo, «Lakkisi! Tana hin godhin! Anille, si'ii fi obboleeyyan teeti ta dhugaa baya Yesuusii fudhatte woliin tajaajila'a; dhugaa bayi Yesuusii Ayyaana raagaa waan te'eef, Waaqaaf sagadi» naan jedhe.
17 Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba'aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo'oon waamee, «Kowa'a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama'a! 18 Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi'ii, foon fardo'ootii fi worra fardoo irra tee'uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te'inii, ka diqqa'aatii fi gudda'aa kowa'aatii nyaadha'a!» jedhe.
19 Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee'eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge. 20 Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu'uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe'uun gubattutti qolaanfamane. 21 Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee'eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.
<- Mudhii Yohaannisii 18Mudhii Yohaannisii 20 ->- a Mat. 22:2-3
Languages