1 Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu. 2 Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu'uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo'oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage'e; qoonqoon ani dhage'e sun qoonqoo kiraara gugurda'aa[a] ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti. 3 Isaanille barcumaa mootumma'aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne. 4 Worri kun waan qulqullumma'aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho'o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te'anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane. 5 Afaan isaanii keessalle'etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne.
Ergantoota Waaqaa Sadiin
6 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin wodhakkaa ol-gubba'aa keessa koolaan ka'uun dhagge; innille Oduu Gammadaa ta bara baraa, ta worra lafa irra le'u maraaf, gosa biyya adda addaa maraaf, gosa maraaf, afaanii fi kolbaa maraaf lallabu qabateera. 7 Inni qoonqoo guddo'oon, «Guyyaan muraa isaa waan geyeef, Waaqa sodaadha'a, ulfinnalle kenna'aaf! Ka ol-gubba'aa fi lafa, abbaaya'aa fi madda bisaanii dadeef sagada'a!» jedhe.
8 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka lammeesso'oo, ka qaraatitti aanee, «Baabiloniin guddoon jidde! Jidde! Isiin gosi biyya adda addaa marti, daadhii woyni'ii ta sagaagala isi'ii, ta macheessitu akka untu tolchiteerti» jedhe.[b]
9 Ergamaan Waaqaa dhibiin, ka sadeesso'oolle, isaanitti aanee qoonqoo guddo'oon, «Nami bineensaa fi fakkii isaatiif sagadu, ka beessisa isaalle adda ifii irratti yookiin harka ifii irratti godhatu mara, 10 daadhii woyni'ii ta mufii Waaqaa hin una; daadhiin woyni'ii sunille ta adoo hin makamin muduunuu mufii Waaqaatitti naqanteertu; akkasuma inni ergantoota Waaqaa woyyootaa fi Hoolicha fuula duralle'etti ibiddaa fi dhakaa bobe'uun hin farra. 11 Aarri farra isaaniille bara baraa haga bara baraa ol hin baya; worri bineensaa fi fakkii bineensaatiif sagadu, yookiin worri beessisa maqaa isaa godhatu mara halkanii fi guyyaa foora hin qabu» jedhe.
12 Kolbaa Waaqaa ta ajaja Waaqaa eeggatanuu fi Yesuusille'eef addatamiisaan jabaatanu irraa ciniinnatanee ossiis yennaa tana barbaachitti.