84
Mana Waaqaa Dharra'uu
Sooressa faarfattootaatiif, faaruu ilmaan Qoraahii ta suusulle'een faarfatante.
1 Ee Mootii Waan Maraa
ka Waan Mara Dadde,
Galmi ati keessa leetu
attam attam natti tola!
2 Lubbuun tiyya
badhinna Dunkaanii Woyyittii
Mootii Waan Maraa keessa
jiraatiisaaf dharraatee gaggaddi.
Gadhaan kiyyaa fi foon kiyya,
Waaqa jiraata'aaf ilillisan.
3 Ee Mootii Waan Maraa
Ka Waan Mara Dadde,
mootii kiyya, Waaqa kiyya;
addee ciinca'aa teetitti,
sinbirrooti didiqqoon mana ifii,
maddoolle mandhee ilmoolee ifii keyattu
ijaarrataneeran.
4 Worri mana keeti keessa le'u ka gammade;
isaan yennaa mara si leellisan.
5 Worri gara gaara Xiyoonii deemiisaaf,
gadhaa ifii keessatti dharra'ee,
hunna si biraa dhaggatu ka gammade.
6 Isaan yennaa dhooqa godde,
ta, «Baka» jedhantu keessa dabaranu,
addee maddaa isaaniif teeti;
bokkeenni furmaataalle
dhooqa san keessa haroo eelcha.
7 Isaan akkuma deemanuun jabeenna ede'atan;
Waaqa Xiyoon keessaa dura hin dhikaatan.
8 Ee Mootii Waan Maraa
Waaqa waan mara dande'u,
daadimata kiyya dhage'i;
Waaqa Yaaqoobii na caqasi.
9 Ee Waaqa, wontee teenna ilaali;
mooticha muuddeertuuf gadhaa laafi.
10 Addee dhibii
guyyaa kuma tokko ooliisaa mannaa,
badhinna Galma woyyicha keetii keessa
guyyaa tokko ooluu woyya;
Dunkaanii worra hamaaleyyi'ii
keessa tee'iisaa mannaa,
eedduu balbala mana Waaqa kiyyaa
te'u naa woyya.
11 Mootiin Waan Maraa
Waaqi akka adu'uu tii fi akka wonte'ee ti;
inni fudhatamaa fi
ulfinna akka dhaggatanu hin godha.
Mootiin Waan Maraa worra komii hin qanne,
waan dansaa hin dhooggatu.
12 Ee Mootii Waan Maraa
Ka Waan Mara Dadde,
Languages