24
Mooticha Guddaa
Faaruu Daawitii.
1 Lafaa fi wonni lafa irra jiru marti
ka Mootii Waan Maraa ti;
biyyi lafaatii fi worri isii keessa le'u marti ka isaa ti.
2 Inni lafa hundee abbaaya'aa irra keye,
bisaan irra isii jabeessee dhaabe.
3 Gara kooba Mootii Waan Maraa ka ol bayu eennu?
Dunkaanii isaa woyyittii keessa ka dhaabbatu eennu?
4 Nama harka qulqullu'uutii fi gadhaa qullu'uu,
ka waaqota dharaa hin waaqonfanne,
ka sobaan hin kakanne qofa.
5 Inni Mootii Waan Maraa biraa eebba,
Waaqa fayyisaa biraa balchummaa hin dhaggata.
6 Dhalooti isa barbaadu isaan kana;
ee Waaqa Yaaqoobii,
worri fuula keeti barbaadu isaanuma kana.
7 Mootiin ulfinnaa akka seenu,
Ee Karra, gara maraan banama'a!
Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!
8 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?
Inni Mootii Waan Maraa jaba'aa fi janna;
inni Mootii Waan Maraa ka lolaan jaba'aa ti.
9 Mootiin ulfinnaa akka seenu,
Ee karra, gara maraan banama'a!
Isin balbala durii durii, badhadha'aa banama'a!
10 Mootiin ulfinnaa kun eennu inni?
Inni Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade,
Languages