Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
114
Faaruu Yaadannoo Irra Dabaramaa
1 Yennaa Israa'el, sanyiin Yaaqoobii,
gosa afaan ormaa dubbattu,
biyya Gibxi'ii keessaa baate,
2 Yihudaan addee woyyittii Waaqaa,
Israa'elille bulchiisa isaa jala teete.
 
3 Abbaayaan dhaggitee baqatte;
lagi Yordaanosiille gara duubaa deebi'e.
4 Gaaroti akka korbeeyyii hoole'ee,
koobotille akka ilmoolee hoole'ee burraaqane.
 
5 Ee abbaaya'a, ati maaf baqatte?
Ee laga Yordaanosii, gara duubaa maaf deebite?
6 Ee gaarota, isin maaf akka korbeeyyii hoole'ee,
ee koobota,
isin maaf akka ilmoolee hoole'ee burraaxxane?
 
7 Ee lafa, Goottaa duratti,
fuula Waaqa Yaaqoobii duratti holladhu!
8 Inni rassaa gara baleessaatitti,
rassaa jabaa gara madda bisaaniititti hin deebisa.

<- Kitaaba Faaru'uu 113Kitaaba Faaru'uu 115 ->