Link to home pageLanguagesLink to all Bible versions on this site
100
Leellisiisaaf Mootii Waan Maraa Waamuu
Faaruu Galataa
1 Kolbaan lafa irraa marti,
Mootii Waan Maraatiif ilillisa'a.
2 Mootii Waan Maraa gammadaan tajaajila'a;
gammadaan faarfataa fuula isaa dura dhikaadha'a.
 
3 Mootiin Waan Maraa akka Waaqa te'e beeka'a;
ka nu dade isa; nuutille ka isaa ti;
nuuti kolbaa isaa ti; hoolota inni tiffatu.
 
4 Galateeffataa gara karra isaa,
leellifataa gara badhinna mana isaa duraa seena'a;
isa galateeffataa, maqaa isaa leellisa'a.
5 Mootiin Waan Maraa dansaa waan te'eef,
jaalalli isaa ka bara baraa haga bara baraa,
addatamummaan isaalle dhalootaa haga dhalootaa ti.

<- Kitaaba Faaru'uu 99Kitaaba Faaru'uu 101 ->