13 «Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi. 14 Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an. 15 Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti. 16 Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 17 Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya. 18 Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera. 19 Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe.
20 Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane. 21 Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche. 22 Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote.
23 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 24 «Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti; 25 woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu. 26 Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 7Kitaaba Seera Laakkossaa 9 ->
Languages