7 «Xarapheessaa daabboo Waaqa dura dhikaattu irra keyanu irra woyaa bifa cuquliisaa afanee, gabataa, qorii, muduunu'uu fi kobola kennansa daadhii woyni'ii ittiin dhikeessanu ka worqii irraa hujamane, daabboolle yennaa mara irra keyanuu ti. 8 Woyaa diintuu irra afanee, gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
9 «Woyaa bifa cuquliisaa teete san fuudhanee, waan issaa irra keyanuu fi ifa isi'ii woliin, qaraphaa issaa ittiin dhaanfanu, qorii daadha'aa, meya zayiti'iitii fi meya isi'ii maratti uffisanuu ti. 10 Achiin duuba isaan meya isi'ii mara woliin gogaa hoolee galaanaatiin maranee goongaa ittiin ba'atu irra keyanuu ti.
11 «Addee ciinca'aa ta worqii irraa hujante irralle woyaa bifa cuquliisaa afanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, muka rare'een ba'atanu ka isi'iille addee isaaniititti galchanuu ti.
12 «Meya addee woyyitti'itti ittiin tajaajilanu mara fuudhanee, woyaa bifa cuquliisaa keessa keyanee, gogaa hoolee galaanaatiin maranee, goongaa ittiin ba'atanu irra keyanuu ti.
13 «Addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irraa daadhaa haranee, woyaa dhiillee irra afanuu ti. 14 Achiin duuba meya addee ciinca'aatitti ittiin tajaajilanu mara, waan ibidda irratti bobeessanu, filaa foonii, akkaafaa, qorii dhiiga fiffixanu qabattu, addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujante san irra keyanuu ti. Isaan gogaa hoolee galaanaa irra buusanee, muka rare'een ba'atanu addee isaaniititti galchanuu ti.
15 «Yennaa addee quttumaatii ka'anu, Aaronii fi ilmaan isaa meya woyyichaa fi waan tajaajila kanaaf te'u mara itti uffisaneen duuba, ilmaan Qehaatii dhufanee ba'atanuu ti. Akka hin duune ammoo meya woyyicha san tuquu hin qabanu. Hujiin ilmaan Qehaatii Dunkaana Woldeenna'aatii fi waan Dunkaanii Woldeenna'aa keessaa ba'atiisa.
16 «Ilmi Aaronii hayyichaa Ele'azaar, zayitii isse'ee, hixaana foolee tolu, kennansa midhaanii ka guyyaa maraa, zayitii muudaa, Dunkaanii Woyyitti'ii fi waan isii keessaa, meya isi'ii keessaa woyyicha mara eegiisaaf itti gaafatamummaa qaba» jedhe.
17 Ammalle Mootiin Waan Maraa Muuse'ee fi Aaronitti dubbatee, 18 «Maatiin Qehaatii, fira Lewwi'ii keessaa hin godhina'a. 19 Qehaatoti waan irra caalaa Woyyuu te'etti dhikaatanee akka hin duune, Aaronii fi ilmaan isaa addee woyyittii seenanee waan isaan godhiisa malanee fi waan isaan ba'atiisa malane itti mudhisanuu ti. 20 Ammoo isaan akka hin duuneef, waan woyyuu san yennaa diqqo'oofille ilaaliisaaf ol hin seenin» jedhe.
24 «Tajaajilli fira Gershoonotaa ka hujiisaatii fi ba'atiisaa ka asii gadii kana: 25 Isaan gollaa dunkaanii dhugaa bayaa, gollaa Dunkaanii Woldeenna'aa, irbuusa isi'iitii fi gogaa hoolee galaanaa ka irbuusa isi'ii gollu, gollaa gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa, 26 gollaa badhinna dalleya keessaa ka dunkaanii dhugaa bayaatii fi addee ciinca'aa marsu, wodaroota golla'aatii fi meya tajaajila waan kanaa mara ba'atiisa; isaan tajaajila meya kanaaf male mara godhan. 27 Tajaajilli Gershoonotaa marti, ba'aan yookiin hujii dhibii hujiisi akka Aaronii fi ilmaan isaa isaanitti mudhisanetti hujanuu ti; waan isaan ba'atiisaaf itti gaafatamummaa qabanu isin isaanitti hima'a. 28 Hujiin fira Gershoonii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilli isaanii kana. Hujii isaanii ilma Aaronii hayyichaa Itaamaaritti toowata.
38 Worri Gershoonotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, 39 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane. 40 Worri akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 2,630. 41 Isaan kun wolumatti fira Gershoonotaa ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilane. Akkuma Mootiin Waan Maraa ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
42 Worri Meraarotaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, 43 dhiirti woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dande'anu marti laakkowamane. 44 Worri akka fira fira isaaniititti laakkowame laakkossi isaanii 3,200. 45 Isaan kun wolumatti fira Meraarotaa ti. Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Muuse'ee fi Aaron isaan laakkowane.
46 Maarre Muuseen, Aaronii fi sooreyyiin wolde'a gumi'ii, sanyii Lewwootaa akka fira fira isaaniitii fi akka maatii maatii isaaniititti, 47 dhiira woggaa soddomaa haga woggaa shantamaa, ka hujii tajaajilaatii fi Dunkaanii Woldeenna'aa ba'atiisaa dande'anu mara laakkowane. 48 Laakkossi isaanii 8,580. 49 Akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti nami tokko tokkooyyuu, maan akka hujuu fi maan akka ba'atu itti himame. Akka kanaan isaan akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti laakkowamane.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 3Kitaaba Seera Laakkossaa 5 ->
Languages