5 Maarre Muuseen haajaa isaanii Mootii Waan Maraatitti dhikeesse; 6 Mootiin Waan Maraalle, isaan, 7 «Wonni ijoolleen durraa ta Zelofehaadii gaafatte sirri'i; odduu fira abbaa isaaniititti lafa isaaniif kenni; dhaalli abbaa isaanii gara isaanii akka dabaru godhi. 8 Ati kolbaa Israa'eliitiin, ‹Nami tokko ilma adoo hin uumatin yoo du'e, ijoolleen durraa ta isaa karra isaa akka dhaaltu godha'a. 9 Inni yoo ijoollee durraalle hin qabaatin, karra isaa obboleeyyan isaatiif kenna'a. 10 Inni yoo obboleeyyan hin qabaatin, obboleeyyan abbaa isaatiif kenna'a. 11 Abbaan isaa yoo obboleeyyan hin qabaatin, karra isaa fira aantii isaatiif kenna'a; inni dhaaluu ti; akkuma ani Mootiin Waan Maraa si ajaje, kun kolbaa Israa'eliif qajeelfama seeraa te'uu ti› jedhi» jedhe.
15 Muuseen Mootii Waan Maraatiin, 16 «Ee Mootiin Waan Maraa, Waaqa jiruu nama maraa, kolbaa tana irratti nama tokko fili! 17 Innille kolbaan teeti akka hoolee tissee hin qannee akka hin teene, isaaniin dura ka deemu, ka isaaniin dura gad bayuu fi ka isaaniin dura ol seenu, ka gad isaan baasuu fi ka ol isaan galchu» jedhe.
18 Maarre Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Iyaasuu ilma Nunii, nama Ayyaanni keessa jiru fuudhiitii, harka keeti isa irra keyi; 19 Ele'azaarii hayyichaa fi wolde'a duudii dura dhaabbachiisiitii, hujii inni itti gaafatamu kana isaan duratti itti kenni. 20 Wolde'i Israa'elii duudiin akka isaaf ajajamu, baallii teeti irraa garii isaaf kenni. 21 Inni fuula Ele'azaarii hayyichaa, ka karaa Uriimiitiin[a] fedhii tiyya beeku dura dhaabbatuu ti; akkuma ajaja hayyichaatitti, Iyaasu'uu fi wolde'i Israa'elii duudiin bayanee galanuu ti» jedhe. 22 Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje godhe. Inni Iyaasuu fuudhee fuula Ele'azaarii hayyichaatii fi fuula wolde'a Israa'elii duudii dura dhaabbachiise. 23 Achiin duuba harka ifii isa irra keyee, akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje hujii inni itti gaafatamu itti kenne.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 26Kitaaba Seera Laakkossaa 28 ->- a Uriim: Waan bara san hayyooti fedhii Waaqaa ittiin beekanu.
Languages