6 Achiin duuba Muuse'ee fi wolde'i kolbaa Israa'elii duudiin Dunkaanii Woldeenna'aa dura dhaabbatanee adoo isaan bowanuu, Israa'eloota keessaa tokkochi iluma isaanii duratti, dubartii worra miidiyaanii takka fudhatee gara maatii ifii dhufe. 7 Akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas yennaa tana dhagge, ka'ee wolde'a keessaa bayee, eboo fudhatee, 8 namicha Israa'elicha gula gara dunkaani'ii seenee, eboo darbatee, namichaa fi dubartittiille woraanee isaan lamaanuu wolitti fullaase. Achiin duuba balaan kolbaa Israa'elii irraa dhaabbate. 9 Te'uu malee, balaa saniin namoota kuma diddamii afuritti du'e.
10 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 11 «Kolbaa Israa'elii keessaa akaakoon Aaronii hayyichaa, ilmi Ele'azaarii Fiinehaas marroo tiyyaaf waan hinaafeef, ani hinaaffaa tiyyaan akka isaan hin fixanneef, mufii tiyya isaan irraa deebiseera. 12 Tanaaf, akka ani Gondooroo tiyya ta nageyaa isa woliin gondooradhu, Fiinehaasitti himi. 13 Inni ana Waaqa ifiitiif waan hinaafeef, kolbaa Israa'eliitiifille gumaa cubbu'uu waan kenneef, Gondooroon hayyummaa bara baraa isaaf, isaan duuballe sanyii isaatiif hin teeti» jedhe.
14 Maqaan namicha Israa'elicha ka dubartittii worra Miidiyaanii woliin ijjeefamee Ziimiirii ilma Saaluwa'aa ti; inni sooressa fira Shimi'oonii ti. 15 Maqaan dubartittii worra Miidiyaanii ta ijjeefantee Kozbi; isiin intala Zuurii, ka gosa Miidiyaan keessatti sooressa fira tokkoo ti.
16 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 17 «Worra Miidiyaanii kana akka diinaatitti laakkowa'aatii fixa'a; 18 wonni tana gootanuuf, isaan Phe'oritti, obboleettii isaanii, ta guyyaa balaan Phe'oritti bu'e ijjeefante, intala sooressa isaanii hujii Kozbiitiin sobanee isin miidhaneeran» jedhe.
<- Kitaaba Seera Laakkossaa 24Kitaaba Seera Laakkossaa 26 ->
Languages