10 Sanyii Yaaqoobii ta akka biyye'ee eentu laakkowa?
Yookiin gamisuma gamisa laakkossa Israa'eliille
eentu laakkowuu dande'a?
Ani du'a balcha'aa du'uu ti;
muummeen tiyyalle
akka muummee isaanii teetuu ti!» jedhe.
11 Balaaqi, Bala'aamiin, «Wonni ati na irratti hujje kun maan? Ani diinota kiyya akka naa abaartuuf si fide, ati ammoo isaan eebbitte malee, womaa isaan hin goone» jedhe.
12 Inni deebisee, «Waan Mootiin Waan Maraa akka ani dubbadhuuf natti hime dubbatiisa qabaa motii ree?» jedhe.
Raaga Bala'aamii Ka Lammeesso'oo
13 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Gara addee dhibi'ii ta isaan dhagguu dandeettu woliin dhandhaatii koy; isaan keessaa worra diqqaa qofa malee, mara isaanii hin dhaggitu. Achi dhaabbadhuutii isaan naaf abaari» jedhe. 14 Maarre inni mataa gaara Phiisga'aa irra, gara diida Zofiimii isa geesse. Achitti addee ciinca'aa torba ijaaree, tokko tokko irrattuu korma tokkoo fi korbeessa hoole'ee tokko ciincaa dhikeesse.
15 Bala'aam, Balaaqiin, «Ani achitti Mootii Waan Maraatiin wol dhaggiisaaf yennaa deemu, ati ciincaa keeti ka gubamu bira as turi» jedhe.
16 Mootiin Waan Maraa Bala'aamitti mudhatee, ergaa inni dubbatu itti himee, «Gara Balaaqii deebi'iitii ergaa tana itti himi» jedheen. 17 Maarre inni deebi'ee, qondaaltota Mo'aabii woliin ciincaa ifii bira dhaabbatuun isa dhagge. Balaaqi, «Mootiin Waan Maraa maan jedhe?» jedhee Bala'aam gaafate. 18 Bala'aamille ergaa raagaa,
«Balaaqi, ka'iitii caqasi!
Ee, ilma Ziphoorii na dhage'i!
19 Waaqi ilma namaatii motii, inni hin hollu;
yookiin akka namaa yaada ifii hin jijjiiratu.
Inni waadaa gale hin muummessa;
waan dubbatelle hin guuta.
20 Kunoo, ani eebbisiisaaf ajajameera;
inni eebbiseera; ani eebba isaa jijjiiree hin dande'u.
21 Kolbaa Yaaqoobii keessatti wonni hantuun,
Israa'el keessatti rakkoon hin dhagganne.
Mootiin Waan Maraa, Waaqi isaan woliin jira;
isaan mootii ifii leellisan.
22 Waaqi biyya Gibxi'iitii isaan baase;
inni isaaniif akka gaafa gafarsaa ti.
23 Ilmaan Yaaqoobii irratti xanoon,
Israa'el irrattille moruun hin hujju.
Amma waan Yaaqoobiitii fi Israa'elii,
‹Waan Waaqi godhe dhagga'a!› hin jedhama.
24 Kolbaan Israa'elii
akka neenqa dhala'aa ol kaati;
isaan akka neenqa waan adansee qabate
haga nyaatutti, dhiigalle haga unutti
ciisa dhabee ol ka'uu ti» jedhe.
25 Achiin duuba Balaaqi, Bala'aamiin, «Ati isaan eega hin abaarin hin eebbisinille'e!» jedhe.