1 Ji'a tokkeesso'oo keessa kolbaan Israa'elii duudiin gara goomolee Ziinii dhuttee Qaadeshitti qubatte. Achitti Miiryaam duutee awwaalante.
2 Addee san bisaan waan hin jirreef, Muuse'ee fi Aaron mormiisaaf, kolbaan wolitti qabante. 3 Kolbaan Muuse'ee fi Aaron loltee, «Yennaa obboleeyyan teenna Mootii Waan Maraa duratti dhumatanu nuutille adoo dhumannee jiraannee! 4 Isin maaf kolbaa Mootii Waan Maraa as goomolee tana keessa nu fiddane? Nuutille, horiin keennalle akka asitti dhumannuufii motii ree? 5 Biyya Gibxi'ii keessaa nu baattanee addee wonni tokko itti hin lanne maaf nu fiddane? Addee tana midhaan, harruun, woyniin, midhaan muka rumaanii hin jiru; bisaan unanuuyyuu hin jiru» jedhane. 6 Achiin duuba Muuse'ee fi Aaron kolbaa irraa hiiqanee gara seensuma Dunkaanii Woldeenna'aa dhaqanee, fuulaan lafatti gad gombifamanee, ulfinni Mootii Waan Maraalle isaanitti mudhate.
7 Mootiin Waan Maraa Muuse'een, 8 «Ulee teetii fudhadhuutii atii fi obboleessi keeti Aaron wolde'a wolitti qaba'a; achitti isaan mara duratti rassa'atti dubbadha'a; rassaa san keessaa bisaan hin burqa. Akkanaan ati rassaa keessaa kolba'aaf bisaan baachee, isaanii fi horiille hin unan» jedhe. 9 Maarre Muuseen akkuma Mootiin Waan Maraa isa ajaje dhaqee, ulee fuula Mootii Waan Maraa duraa fudhate.
10 Muuse'ee fi Aaron rassaa duratti wolde'a wolitti qabanee, Muuseen kolba'aan, «Isin worri jallaameyyiin, dhage'a'a! Nuuti rassaa kana keessaa bisaan isiniif baanyaa ree?» jedhe. 11 Achiin duuba Muuseen harka ifii ol kaasee, ulee ifiitiin yennaa lama rassaa san dhowe; bisaan keessaa lola'ee, kolba'aa fi horiin isaaniille unane.
12 Mootiin Waan Maraa ammoo Muuse'ee fi Aaroniin, «Israa'eloota duratti ana woyyicha gootanee ulfeessiisaaf, natti waan hin addatiniif, lafa ani isaanii kennetti isaan hin galchitanu» jedhe.
13 Addeen Israa'elooti Mootii Waan Maraatiin morminaan, Mootiin Waan Maraa woyyummaa ifii isaanitti mudhise addee bisaan Mariibaa[a] ti.
18 Mootiin Edoomii deebisee, «Nuuti akka isin biyya teenna keessa dabartanu hin eeyyannu! Dabariisaaf yoo wodhaantane, shallaaga'aan baanee isin lolla» jedhe.
19 Israa'elooti deebisanee, «Nuuti karaa guddaa irraa hin gorru, nuutille yookiin horiin keennalle yoo bisaan keessan une hin kaffalla; nuuti miila qofaan keessa dabarra malee, waan dhibii womaa hin goonu» jedhane.
20 Mootiin Edoomii ammalle deebisee, «Isin as keessa hin dabartanu» jedhe; achiin duuba isaan loliisaaf, loltoota baca'aa fi hunnaameyyii woliin baye. 21 Mootiin Edoomii worra Israa'elootaa lafa ifii keessa dabariisa waan dhooggeef, Israa'elooti irraa goranee karaa dhibii deemane.
- a Mariibaa: Yaadannoo Bay. 17:7 irratti kenname ilaali.
Languages