4 Izraan barreessaan kitaabaa waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta mukaa, guyyaa haajaa akkasii kanaaf irra dhaabbatiisaaf hujante irra dhaabbate; gara harka isaa middaatiin Matiitiyaan, Shemaan, Anaayaan, Uriiyaan, Hilqiiyaanii fi Ma'aseyaan, gara harka isaa bita'aatille'een Phedaayaan, Miishaa'el, Malkiiyaan, Hashum, Haashabadaanaan, Zakaariyaasii fi Meshulaam isa cinaa dhaabbataneeran.
5 Izraan addee ol kaate irra waan dhaabbateeruuf, kolbaan duudiin gara isaa ilaaliisatti jirtiiyyu; akkuma inni Kitaaba san baneen, isaan martinuu ka'anee dhaabbatane. 6 Izraalle Mootii Waan Maraa Waaqa guddicha leellise; kolbaan duudiin harka ifii ol qabattee «Ameen, ameen!» jette; achiin duuba adda ifiille'een lafatti gad jiddee Mootii Waan Maraatiif sagadde.
7 Achiin duuba isaan martinuu ka'anee, adduma jiranutti dhaabbatane; worri Lewwootaalle, Iyaasuun, Baaniin, Sherebiiyaan, Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiiyaan, Ma'aseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad, Haannaanii fi Phelaayaan Kitaaba Seeraa san kolbaa hubachiisane. 8 Isaanille Kitaaba Seera Waaqaa san kolba'aaf dubbisanee, akka wonni dubbifamu kolba'aaf galu hiikanee issane.
9 Kolbaan duudiin waan Seerri jedhu yennaa dhageette waan bootteef, Nahimiyaan bulchaan biyyaa, Izraan hayyichi barsiisaan kitaaba seeraatii fi Lewwooti worri seera hiikanee kolbaa barsiisane, «Guyyaan kun Mootii Waan Maraa Waaqa keessaniif woyyicha waan te'eef, isin hin gaddina'a, hin bowna'a!» jedhanee isaan duudi'itti himane. 10 Nahimiyaan, «Dhaqa'aatii sagalee filante nyaadha'a; untoo mi'oottuulle una'a! Worra hin qannelle'eef irraa qooda'a! Guyyaan kun guyyaa Mootii Waan Maraa keennaaf woyyoomeeru; gammadi Mootii Waan Maraa isiniif kennu jabeenna keessan waan te'eef, hin gaddina'a!» jedhe.
11 Worri Lewwootaalle kolbaa duudi'iin, «Guyyaan kun woyyicha waan te'eef, cadhisa'a; hin gaddina'a!» jedhanee cadhisiisane. 12 Kolbaan duudiin jechoota isaaniif dubbifame waan hubataneef, nyaatiisaa fi uniisaaf, waan qabanu irralle'ee worra dhibi'iif qoodiisaaf, gammadiisaafille gara mana mana ifii galane.
16 Tanaaf kolbaan baatee dameelee mukaa fiddee, tokko tokkoon isaanii heellichoo mana ifii irratti[a], dalleya mana ifiitii fi dalleya Galma Waaqaa keessatti, badhinna karra bisaanii jedhamutti, badhinna karra Efreemii duralle'etti gosee ijaarane. 17 Namooti biyya itti booji'amanee deebi'ane duudiin gosee ijaarratanee keessa tee'ane; eegii bara Iyaasuu ilma Nuniitii haga guyyaa saniititti kolbaan Israa'elii akkas gammaddee hin beettu; gammadi itti dhage'amelle akka malee gudda'a. 18 Izraan guyyaa duraatii jalqabee haga guyyaa muummeffata jilaatitti, guyyuma guyya'aan Kitaaba Seera Waaqaa keessaa dubbise; isaan jila san haga guyyaa torbaa jilifatane; akkuma Seerri ajajutti guyyaa saddeetesso'oo aadaan muummeffata jilaa godhame.
<- Kitaaba Nahimiya'aa 7Kitaaba Nahimiya'aa 9 ->- a Heellichoo mana ifii irratti: Heellichoon mana Israa'elootaa diriirtuu waan teeteef, isii irratti midhaan afachuu, gosee dhibii irratti ijaaranee keessatti waaqonfatuu yookiin yennaa bonaa keessa rafuu dande'an.
Languages