9 Maarre ani, «Wonni isin hujiisatti jirtanu dansa'aa moti; akka worri diina keennaa nu hin qaanessine, isin Waaqa sodaatiisaan ideemiisa maltane. 10 Anii fi worri kiyya, tajaajiltooti tiyyalle beese'ee fi midhaan kolba'aaf liqeessineerra. Dhala liqa'aa fudhatiis hafuu ti. 11 Fichaa isaanii, addee woynii isaanii, oorruu muka ejersaa isaanii, mana isaaniille deebisa'aaf; akkasuma dhala beese'ee, dhala midhaanii, dhala woyni'iitii fi zayiti'ii ammuma lakkisa'aaf» jedheen.
12 Achiin duuba worri gugurda'aa fi qondaaltoti, «Nuuti waan mara hin deebinna; waan tokkolle deebinee isaan irraa hin barbaannu; akkuma ati jette hin goona» jedhane.
Ani hayyoota waamee, sooreyyiin akkuma waadaa galane akka godhanu, akka kakachiisanu godhe. 13 Achiin duuba ani hiituu hidhaa hiikadhee, hargufee, «Maarre nama waan waadaa gale kana hin goone, manaa fi karra isaa irraa Waaqi isa hargufuu ti! Hargufamee duwwaa hafuu ti!» jedhe. Gumiin martinuu, «Ameen» jettee Mootii Waan Maraa galateeffatte. Worri gugurda'aa fi qondaaltoti akkuma jedhane godhane.
Arjummaa Nahimiya'aa
14 Artashaastaan woggaa diddameessoo isaatitti mootii te'ee, haga woggaa soddomii lammeessoo isaatitti, ani biyya Yihuda'aa bulchiisaaf filamee woggaa kudha lama bulche keessatti, anii fi worri kiyya sagalee bulchaa tokkoof malte hin nyaanne. 15 Bulchitooti anaan dura biyya bulchaa turane, ba'aa ulfaattuu kolba'atti fe'anee, sagale'ee fi daadhii woyni'ii irratti dabalanee, meetii sheeqelii afurtama fudhataa turane. Tajaajiltooti isaaniituu kolbaa irratti goottomanee turane. Ani ammoo Waaqa waan sodaadhuuf, akkas hin goone. 16 Ani hujii dalleya kanaatiif ifi kenne malee, lafalle hin bitanne; tajaajiltooti tiyya ta huji'iif wolitti qabantelle akkasuma tolchite. 17 Gosa biyya adda addaa worra adaala keennaa gara keenna dhufane irratti dabalamanee, Yihudootaa fi qondaaltoti namoota dhibbaa fi shantamatti qorii tiyyatti nyaataa ture. 18 Guyyuma guyya'atti sangaa tokkoo fi hoolota cocooma jaa, lukkuu hedduu, guyyaa kudhan kudhanitti daadhii woyni'ii ta gosa adda addaatitti[a] qophowaayyu. Te'uu malee, ba'aan ulfaattuun kolbaa irra waan jirtuuf, sagalee bulchaa tokkoof malte ani hin gaafanne. 19 Ee Waaqa kiyya, waan ani kolbaa tanaaf godhe mara qaabadhuutii, naaf arjoom.
<- Kitaaba Nahimiya'aa 4Kitaaba Nahimiya'aa 6 ->
aDaadhii woyni'ii ta gosa adda addaa: jechuun tun daadhii woyni'ii o'ituu yookiin ta turte daadhii godduu akka qopheessane ilaalaa.