6 Achiin duuba mootichi, «Haga guyyaa meeqaa ideenta? Yoom deebita?» naan jedhe; mootichi ana ergiisaaf waan gammadeef, anille guyyaa meeqa akka deemu itti hime. Yennaa san giittiille isa bira teetteerti. 7 Achiin duuba ani mootichaan, «Fedhii teeti yoo teete, haga Yihudaa gewutti nageyaan akka na dabarsanu, bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaatiif xalayaa naa barreessi; 8 karra dalleya Galma Waaqaatiif, balbala dalleya qacha'aatiif, mana ani keessa le'ulle'eef muka gugurdaa akka naa kennuuf, Asaafii gongomaa mootumma'aa eegulle'eef xalayaa barreessii ajaji» jedhe. Waaqi waan na woliin jiruuf, mootichi waan ani gaafadhe mara naa kenne.
9 Achiin duuba mootichi qondaaltota loltootaatii fi abbootii fardaa na woliin erge; anille gara worra bulchitoota lafa laga Efraaxiisiitiin gamaa dhaqee, xalayaa mootichaa itti kenne. 10 Namichi qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, nami tokko Israa'elootaaf waan dansaa hujiisaaf akka dhufe yennaa dhage'ane, akka malee aarane.
17 Achiin duuba ani isaaniin, «Rakkinna nuuti keessa jirru isin hin dhaggitan; Yerusaalem jiddeerti; karri isi'iille gubatteerti; tanaaf haganaa achi akka hin salphanneef, kowa'a dalleya Yerusaalemii deebinnee ijaarra» jedhe. 18 Anille Waaqi attam akka na woliin jiraatee na qarqaaree fi jecha mootichi naan jedhelle isaanitti hime. Achiin duuba isaan, «Deebinnee ijaariisa jalqannuu ti!» jedhane. Maarre isaan hujii dansaa tana jalqabiisaaf qophowane. 19 Nami qachaa Bet-Horoonii Sanbalaaxii fi qondaaltichi nami biyya Amoonii Xobiiyaan, Geshemiin arabichille waan nuuti karoorfanne yennaa dhage'ane ammoo, busheeshanee, nu qaanessanee, «Wonni isin hujiisatti jirtanu kun maan inni? Isin mooticha finqiliisaan mormiisatti jirtanii?» jedhane. 20 Achiin duuba ani deebisee, «Waaqi ol-gubba'aa nu hin milkeessa; nuuti tajaajiltooti isaa kaanee ijaariisa hin jalqanna; isin ammoo Yerusaalem keessaa qooda yookiin waan nu'uuf te'a jettanu yookiin haqa dabarsi'ii hin qaddanu» jedheen.
<- Kitaaba Nahimiya'aa 1Kitaaba Nahimiya'aa 3 ->
Languages