2 «Hiyyeeyyi'iif yennaa arjoontanu, akka worri kijibu kolbaan akka isaan galateeffattuuf, Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa fi karaa irratti godhanu, ifi mudhisiisaaf hin godhina'a. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. 3 Ati yennaa arjoontu ammoo, waan harki keeti middichi godhiisatti jiru harki keeti bitaachinuu hin beekin. 4 Maarre arjoom keeti dhossa'aan te'uu ti; Abbaan keeti ka waan ati dhossa'aan tolchitu dhaggu, gatii si'iif hin kenna.
5 «Isin yennaa daadimattanu, akka worra kijibuu hin te'ina'a! Isaan worri dhibiin akka isaan dhagguuf, Galma Waaqaa keessaa fi woldeennaa karaa gugurda'aatitti dhaabbatanee daadimatiisa jaalatan. Ani dhugumaan isinitti hima, isaan gatii ifii dhaggataneeran. 6 Ati ammoo yennaa daadimattu, gara kolloo teetii seen, balbala cufadhuu, gara Abbaa keeti ka addee dhokatte jiruu daadimadhu. Abbaan keetille, ka waan ati dhossa'aan huju dhaggu, gatii teeti si'iif hin kenna.
7 «Yennaa daadimattanu akka worra Yihudoota hin te'inii, jecha bu'aa hin qanne itti hin deddeebi'ina'a; isaan heddummaa jechoota isaaniitiif, waaqi waan isaaniif dhage'u seyan. 8 Isin ammoo akka isaanii hin te'ina'a. Abbaan keessan waan isin barbaachisu isin adoo isa hin gaafatinuu hin beeka.
9 «Tanaaf, yennaa daadimattanu,
14 «Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama. 15 Yoo isin yakkaa namootaaf hin araaramin ammoo, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru yakkaa teessan isiniif hin araaramu» jedhe.[b]
19 Yesuus dabalee, «Addee qooqqanna'aa[d] fi ciillayiisi balleessutti, hattuulle cassitee seentee hattutti, as lafa tana irratti karra teessan hin kuufatina'a.[e] 20 Ammoo addee qooqqanna'aa fi ciillayiisi dande'ee hin balleessine, hattuulle cassitee seentee hatuu hin dandeenne, ol-gubba'atti karra teessan kuufadha'a. 21 Yennaa mara addee karri teessan jirtu gadhaan keessanille jira» jedhe.
22 Yesuus, «Ilti ifa nafaa ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaalessa hin te'a; 23 ilti teeti fayyaa yoo dhadde ammoo, nafi keeti duudiin dukkana te'a; ifi sitti jiru dukkana yoo te'e, dukkanti attam attam guddattu ree!» jedhe.
24 Yesuus itti dabalee, «Nami tokko garbicha goottolee lamaa te'iisaaf hin dande'u; tokkocha hin jibba, kaan hin jaalata; yookiin tokkocha ulfeessee kaan tuffata. Akkasuma Waaqaa fi beese'eef tajaajiluu hin dande'u» jedhe.
25 «Tanaaf ani isinitti hima, jiruu teessaniif maan nyaanna, yookiin maan unna, yookiin marroo nafa keessanii, maan uffanna jettanee hin yaadina'a. Jiruun sagalee, nafi woyaa hin caaluu? 26 Sinbirroota ilaala'a; isaan midhaan hin facaasanu yookiin haamanee gootara'atti hin galchanu; Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isaan nyaachisa. Isin guddoo sinbirroota hin caaltanuu ree? 27 Isin keessaa nami yaadiisaan, bara jiruu ifii irratti guyyuma tokkolle[f] ka dande'ee dabalatu jiraa?
28 «Marroo woya'aa maaf yaaddan ree? Daraaroti attam akka guddatanu ilaala'a; isaan hin hujatanu yookiin woyaa ifiif hin dhowatanu. 29 Te'uu malee, Solomooniin mootichinuu ulfinna ifii maraan daraarota san keessaa akka tokkochaa woyaa akka hin uffatin isinitti hima. 30 Waaqi marra adha mudhatee, boru ibiddatti gatamu yoo akkas uffise, isin fa'a attam caalchisee uffisuu dhaba ree? Isin worra dhugeeffannaa diqqo'oo!
31 «Maarre, ‹Maan nyaanna?› yookiin ‹Maan unna?› yookiin ‹Maan uffanna?› jedhaa hin yaaddayina'a; 32 worri Yihudoota hin te'in yennaa mara yaada waan kanaatiin qabamaneeran. Tun marti akka isinii barbaachittu Abbaan keessan ka ol-gubba'aa hin beeka. 33 Dursa'aatii mootummaa Waaqaatii fi balchummaa isaa barbaada'a; tun martinuu isiniif hin kennanti. 34 Maarre marroo boruutiif hin yaadayina'a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.
<- Wongeela Maatewoosii 5Wongeela Maatewoosii 7 ->
Languages