1 Guyyuma san Yesuus manaa bayee dhaqee abbaayaa Galiila'aa bira tee'e. 2 Gumiin hedduun isa biratti wolitti qabannaan, inni hoboloo takka keessa seenee barsiisiisaaf tee'e; kolbaan hedduulle qarqara abbaaya'aa dhaabbatteertiiyyu.[a] 3 Inni mammaassaan waan hedduu isaanitti himiisaaf ka'ee, «Caqasa'a! Nami tokko sanyii facaasiisaaf baye. 4 Inni adoo facaasuu, sanyiin gariin karaa keessa harcaate, sinbirreelle dhuttee qocattee nyaatte. 5 Sanyiin dhibiin lafa dhakittii, addee biyyee guddoo hin qanne irra buute; biyyee gad fago'oo waan hin qanneef ariifattee muute. 6 Yennaa aduun itti baate ammoo qoorte; hidda gad fagaate waan hin qanneef godde. 7 Sanyiin gariin qoree keessa buute, qoreelle guddattee isii huute. 8 Sanyiin dhibiin biyyee dansaa irra buute, gariin midhaan dhibba, gariin midhaan jaatama, gariin midhaan soddoma buutte. 9 Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedhe.
10 Achiin duuba barattooti gara Yesuusii dhufanee, «Ati maaf mammaassaan kolba'atti dubbatta?» jedhane gaafatane. 11 Yesuus deebisee, «Dhossaa mootummaa Waaqaa akka beettanu isiniif kennanteerti, isaaniif ammoo hin kennanne. 12 Ka qabuuf, itti dabalantee hin kennantiif, bacaalle hin qabaata; ka wo hin qanne ammoo, wonni inni qabuuyyuu isa irraa hin fudhatanti.[b] 13 Wonni ani mammaassaan isaanitti dubbadhuuf, isaan adoo ilaalanuu hin dhagganu, adoo caqasanuu hin dhage'anu, yookiin hin hubatanu. 14 Maarre raagi Isaayaas dubbatte isaan irratti muummoweera; wonni raagamelle,
16 «Ammoo ilti teessan waan dhaggituuf, gurri keessanille waan dhage'uuf isin ka badhaatane. 17 Ani dhugaa isinitti hima, raagoti heddu'uu fi kolbaan balchooti hedduun waan isin dhaggitane dhaggiisaaf halchanee, ammoo hin dhaggine, waan isin dhageettane dhage'iisaaf halchanee, ammoo hin dhageenne» jedheen.
18 Yesuus itti dabalee, «Hiikkaa namicha sanyii facaasuu maan akka te'e dhage'a'a. 19 Nami jecha mootummaa Waaqaa dhage'ee hin hubatin, akka sanyii karaa keessatti facaafantee ti. Hamaalessi dhufee waan gadhaa isaa keessatti facaafame butata. 20 Sanyiin lafa dhakittii irratti facaafante, nama jecha dhage'ee yoosuma gammadaan fudhatu; 21 Te'uu malee inni hidda hin qabu, yennaa qofaaf jabaata malee, sababa jechaatiif yennaa rakkoon yookiin miidhaan kaatu, inni yoosuma gufata. 22 Sanyiin qoreelee odduu buute sun nama jecha dhage'u, ammoo yaaddoon lafa tanaatii fi jaalalli durumma'aa jecha hudha, midhaanille hin buusu. 23 Sanyiin biyyee dansaa irra buute ammoo, sun nama jecha dhage'ee hubatu, ka dhugumaan midhaan buusu, tokkochi midhaan dhibba, ka dhibiin midhaan jaatama, ka dhibiille midhaan soddoma buusan» jedhe.
31 Yesuus mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa midhaan sanaafici'ii ka nami tokko fuudhee fichaa ifii keessatti facaase fakkaatti; 32 midhaan isi'ii midhaan mara caalaa diqqaata, yennaa guddatte ammoo waan ficha'atti facaafame mara caaltee muka teetee, sinbirreen dhuttee dameelee isi'ii keessatti mana ifii ijaarratti» jedhe.
33 Yesuus ammalle mammaassa dhibii isaanitti mammaakee, «Mootummaan Waaqaa uukoo dubartiin takka fuutee bullaa safartuu sadiin wolitti mattee, bullaa san mara bukeessitu fakkaatti» jedhe.
34 Yesuus mammaassaan waan kana mara gumi'itti dubbate; mammaassaan male waan tokkolle isaanitti hin dubbanne. 35 Wonni raagaan,
37 Yesuus deebisee, «Ka sanyii dansaa facaasu Ilma Namaa ti; 38 fichaan biyya lafaa ti; sanyiin dansaan ijoollee mootummaa Waaqaa ti; jigidaan ijoollee hamaalessaa ti; 39 diinichi jigidaa facaase Seexana; haammaan muummee biyya lafaa ti; worri haamu ergantoota Waaqaa ti. 40 Akkuma jigidaan wolitti qabamee ibiddaan gubamu, muummee biyya lafaalle'etti akkasuma hin teeti. 41 Ilmi Namaa ergantoota ifii hin erga; isaanille worra sababa cubbu'uu te'ee fi worra hantuu huju mara mootummaa isaa keessaa wolitti qabanee, 42 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti isaan gatan. 43 Balchooti ammoo mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka adu'uu hin ifan. Nami gurra qabu dhage'uu ti!» jedheen.
45 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa daldalticha dooqa dansaa bitatiisaaf barbaadu fakkaatti; 46 daldaltichi dooqa gatii gudda'aa tokko yennaa dhagge, dhaqee waan qabu mara gurguree dooqa san bitate.
47 «Ammalle, mootummaan ol-gubba'aa caccoo[c] qurxummi'ii ta abbaaya'atti afanee qurxummii adda addaa duudii qadde fakkaatti; 48 caccoon yennaa guutte, isaan gara cina'aa harkisanee, gad tee'anee, qurxummii dadansaa saaxaraa keessa keyatanee, babadduu ammoo gatane. 49 Yennaa muummee biyya lafaalle akkasuma hin teeti. Ergantooti Waaqaa dhuttee worra hamoota worra balchoota irraa gargar baattee, 50 addee isaan bowaa ilkaan itti qaranu, qilee ibiddaatitti hin qolaansan» jedhe.
51 Yesuus, «Kana mara hubattaneertanii?» jedhee isaan gaafate.
53 Yesuus yennaa mammaassa kana fixate, addee san lakkisee deeme.
54 Inni gara biyya ifii dhufee Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barsiise. Worri isa dhage'elle baaseffatanee, «Namichi kun qarummaa tana eessaa dhaggate, bilbaasi kunille maan?» jedhane. 55 Kun ilma namicha muka bocuutii motii? Haati isaa Maariyaam jedhantii motii? Obboleeyyan isaalle Yaaqoobii fi Yoseef, Simoonii fi Yihuda'aa motii? 56 Obboleettoti isaalle martinuu nu woliin jiranii motii? Inni waan kana mara eessaa dhaggate? 57 Tanaaf isaan isa tuffatane. Yesuus ammoo isaaniin, «Raagaan tokko addee dhibi'itti malee, biyya ifiitii fi mana ifii keessatti ulfinna hin dhaggattu» jedhe.[d] 58 Sababa dhugeeffatiisa dhaba isaaniitiif, inni bilbaasota hedduu achitti hin hunye.
<- Wongeela Maatewoosii 12Wongeela Maatewoosii 14 ->
Languages