1 Yesuus waan san mara kolba'aan jedheen duuba, gara Qifirnaahoomii deeme. 2 Ajajaan dhibbaa ka worra Rooma'aa tokko achi jiraayyu; tajaajilaan inni guddoo jaalatu akka malee dhibamee du'iisaaf dhikaateeraayyu. 3 Ajajaan dhibbaa gurra Yesuusii yennaa dhage'e, akka inni dhufee tajaajilaa isaa fayyisuuf maanguddooti Yihudootaa gariin akka isa gaafattu itti erge. 4 Isaan gara Yesuusii dhufanee, «Nami kun dhugumaan qarqaarsa keeti dhaggachuu qaba. 5 Inni kolbaa teenna jaalata, Mana Waaqonfannaa Yihudootaalle nu'uuf ijaareera» jedhaa jabeessanee kadhatane. 6 Maarre Yesuus isaan woliin dhaqee, Yennaa gara manaa dhikaate ajajaan dhibbaa jaalota ifii itti ergee, «Goottaa kiyya, ati mana kiyya seeniisaaf ani nama malee moti! Ifi hin rakkisin; 7 maaf jennaan, ani nama gara keeti dhufiisaaf malee moti. Ammoo afaanuma calla'aan ajaji, mucaan kiyya hin fayya. 8 Anille nama baallii ol aantuu qabu jala nama jiru, loltoota ifiin jalatti ajajulle qaba. Isaan keessaa nama tokkoon, ‹Deemi› yoo jedhe, innille hin deema; ka dhibi'iin ‹Koy› yoo jedhe, innille hin dhufa; tajaajilaa kiyyalle'een, ‹Kana huji› yoo jedhe hin huja» jedhe. 9 Yesuus tana yennaa dhage'e baaseffatee gara worra isa hordofuu midhatee, «Ani isinitti hima, dhugeeffannaa guddoo akkasii Israa'el keessalle'etti ijjumaa hin dhaggine» isaaniin jedhe. 10 Worri ergamanelle gara mana ajajaa dhibbaa deebi'anee yennaa dhufane tajaajilaan isaa fayyeeruun dhaggane.
18 Barattooti Yohaannisii waan kana mara yennaa isatti himane, Yohaannis barattoota ifii keessaa lamaan waamee, 19 «Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?» jedhee, akka Goottaa gaafatanuuf erge. 20 Worri ergamane yennaa gara Yesuusii dhufane, «Yohaannisiin cuuphaan, ‹Ka dhufu'uu male si'iiyyu moo ka dhibii eeganna?› jedhee gara keeti nu ergeera» jedhaneen. 21 Yennuma san Yesuus kolbaa hedduu dhibee irraa, dhukkuba adda addaa irraa, ayyaanota hamoota irraa fayyisee, worra ila balla'aa hedduulle ila bane. 22 Ergantoota Yohaannisiitille'een, «Deebi'aatii, waan dhaggitanee fi waan dhageettane Yohaannisitti hima'a! Ballaan hin dhagga, naafi hin ideema, ka dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru hin fayya, duudaan hin dhage'a, du'aan hin ka'a, Oduun Gammadaa hiyyeeyyi'iif hin lallabanti. 23 Nami mamee anaan hin gufanne[a] ka badhaadhe!» jedhe.
24 Ergantooti Yohaannisii deemaneeranuun duuba, Yesuus marroo Yohaannisii gumi'itti dubbatiisa jalqabee: «Maan ilaaliisaaf gara goomole'ee dhaxxane? Shonbooqqoo qilleensi daassuu? 25 Maan ilaaliisaaf baatane? Nama uffana dansaa uffatee? Worri uffata dansaa uffatee fi qananiin mana moototaatitti dhaggaman. 26 Natti hima'a, maan ilaaliisaaf baatane? Raaga'a moo? Eeti, ka Raagaa caalu dhaggitane. 27 Barreeffam Woyyichi marroo Yohaannisiitiif, ‹Ani ergamaa kiyya ka karaa keeti qopheessu si'iin dura erga› jedheera. 28 Ani isinitti hima, nama lafa irratti dhalate keessaa, ka Yohaannis caalu hin jiru. Ammoo mootummaa Waaqaa keessatti ka mara caalaa diqqaatu isa caala» jedhe.
29 Kolbaan martinuu, worri qaraxa guurulle adoo hin hafin, yennaa dubbii Yesuusii dhage'ane, waan harka Yohaannisiititti cuuphamaneeranuuf, Waaqaaf dhugaa galchane.[b] 30 Fariisaayotii fi barsiisoti Seeraa ammoo, waan Waaqi isaanii yaadate tuffatanee, harka Yohaannisii cuupha'aatitti cuuphamuu didatane. 31 Yesuus itti dabalee, «Kolbaa bara kanaa tana maaniin wol fakkeessa? Isaan maan fakkaatan? 32 Isaan akka ijoollee dikkoo keessa teteettee, ‹Suusullee[c] isinii afuunne, isin ammoo hin sirbine; faaruu awwaalaa isinii faarsine; isin ammoo hin boonne› jedhaa wolitti woccu fakkaatan. 33 Yohaannisiin cuuphaan adoo sagalee hin nyaatin, daadhii woyni'iille hin unin dhufee jennaan, ‹Inni durriisa ifi keessaa qaba› jettane. 34 Ilmi Namaa ammoo, nyaataa unaa dhufee jennaan, ‹Nama kana ilaala'a! Inni gadhitoo, machowaa, jaala worra qaraxa guuruutii fi cubbaaleyyi'ii ti› jettane. 35 Te'uu malee, qaruun Waaqaa worra isii fudhatu[d] maraan dhugaa akka teete mirkanootteerti» jedhe.
- a Anaan hin gufanne: Anatti addii hin kutanne
- b Mat. 21:32; Luq. 3:12
- c Suusullee: Ulullee
- d Worra isii fudhatu: Ijoollee isi'ii
- e Mindaa gara woggaa lamaa fi wodhakka'aa dhiyaatu: Dinaara dhibba shan
- f Mindaa gara ji'a sadii dhiyaatu: dinaara shantama
- g Zayitii: Akkuma Gujiin dhadhaa iffatu isaan zayitii iffatan
Languages