1 Yesuus barattoota ifiitiin, «Wonni kolbaa gufachiisu dhufuu hin dhaddu; ammoo nama gufachiisu saniif aanne'e! 2 Worra didiqqaa kana keessaa tokkocha gufachiisu'uu mannaa, dhakaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee abbaaya'atti adoo gatamee isaaf woyya. 3 Maarre isin ifi eeggadha'a; obboleessi keeti yoo si yakke, jabeessii gorsi[a]; yoo inni yakkaa ifii irraa deebi'e isaaf araaram.[b] 4 Guyya'atti yennaa torba si yakkee, guyya'atti yennaa torba deebi'ee gara keeti dhufee, ‹Ani yakkaa irraa deebi'eera› yoo si'iin jedhe isaaf araaram» jedhe.
20 Worri Fariisaayotaa gariin mootummaan Waaqaa yoom akka dhuttu Yesuus gaafatane. Inni deebisee, «Mootummaan Waaqaa karaa nami eeguun hin dhuttu. 21 Eennulle, ‹Ilaa, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababille, mootummaan Waaqaa isin keessa[c] jirti» jedhe. 22 Achiin duuba inni barattoota ifiitiin, «Yennaan isin guyyoota Ilma Namaa keessaa, guyyaa tokko dhaggiisaaf halchitanu hin dhutti, ammoo hin dhaggitanu. 23 Namooti isiniin, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› hin jedhan. Isin ammoo hin dhaqina'a; faanalle hin fiigina'a! 24 Akkuma balaqqeettiin gubba'aa balaqqittee gara tokkoo haga gara kaaniititti issitu, guyyaa Ilmi Namaa dhufu akkasuma hin te'a. 25 Ammoo kanaan dura, Ilmi Namaa dhaloota kanaan guddoo rakkatu'uu fi jibbamuu qaba.
26 «Bara Nohiititti akkuma te'ee, bara Ilma Namaatittille akkasuma hin te'a. 27 Haga guyyaa Nohi hoboloo guddo'otti galuutitti, kolbaan nyaataa unaa, fuudhaa heerumaa turte, bisaan badi'iille dhufee isaan maraa balleesse. 28 Bara Looxiille akkuma kana te'e; kolbaan nyaataa unaa, bitataa gurgurataa, midhaan dhaabaa, ijaarrataa turte. 29 Guyyaa Loox Sodoomii baye ammoo, ibiddii fi dhakaan bobe'u ol-gubba'aa roobee isaan maraa fixe. 30 Guyyaa Ilmi Namaa mudhatuttille akkasuma hin te'a.
31 «Guyyaa san nami mana gubbaa jiru, ka mey[d] isaa mana keessa jiru, fudhatiisaaf gad bu'ee gara manaa hin deebi'in.[e] 32 Haadha manaa ta Looxii qaabadha'a! 33 Nami jiruu ifii fayyifatiisaaf barbaadu jiruu ifii hin dhaba; nami jiruu ifii dhabu ammoo jiruu ifii hin fayyifata. 34 Ani isinitti hima, halkan san nami lamaan taqee takkattii irra hin rafa, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa. 35 Dubartiin lamaan woliin daakuu daatti, takkattiin hin fudhatanti, tuun ammoo hin hatti. 36 [Nami lamaan fichaa tokko keessa hin jiraata, tokkochi hin fudhatama, kuun ammoo hin hafa][f]» jedhe. 37 Barattooti isaa, «Gootta'a, eessatti?» jedhanee gaafatane. Yesuus deebisee, «Addee reeffi jirutti allaatiin yaati» jedhe.
<- Wongeela Luqaasii 16Wongeela Luqaasii 18 ->
Languages