12 Achiin duuba Yesuus namicha isa keessummeessu'uuf waameen, «Sagalee guyya'aa yookiin sagalee galgalaa yennaa gootu, jaalolee teeti yookiin obboleeyyan teeti yookiin firoottan keeti yookiin dureeyyii ollaa keetii hin waamin; yoo waante, isaanille deebisanee si waamanee, deebittee hin kaffalta. 13 Ati ammoo yennaa jila gootu, worra hiyyeessa, worra naafa, worra hokkola'aa fi worra ballaa waami! 14 Ati hin eebbifanta; isaan waan si'iif deebisanu hin qabanu, Waaqi ammoo guyyaa du'aa ka'a balchoole'eetitti si'iif hin deebisa» jedhe.
15 Keessummoota qori'itti hiiqanee tee'ane keessaa tokkochi, kana yennaa dhage'e Yesuusiin, «Mootummaa Waaqaatitti jilaaf ka tee'u ka badhaadhe!» jedhe.
16 Yesuus isaan, «Namichi tokko jila guddoo godhee keessummoota hedduu waame. 17 Yennaan jilaa yennaa geette, ‹Wonni maraa qophoweera, kowa'a!› jedhee worra waamametti akka himuuf tajaajilaa ifii itti erge. 18 Isaan martinuu ammoo waan itti aalatanu himatiisatti ka'ane. Ka matoomaa, ‹Lafa bitadheera, dhaqee ilaalu'uu male; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen. 19 Kuun, ‹Qotiyyoo ximmaadii shan bitadheera, qotiisaa fi qotiisa dhabuu isaanii ilaaliisaaf kunoo kara'atti bayeera; maganne'e na hin kajeelin!› jedheen. 20 Ka dhibiin, ‹Ani waajiba waan te'eef, dhaqqabee hin dhufu› jedheen. 21 Maarre tajaajilaan galee goottaa ifiititti waan kana hime. Abbaan jilaa aaree tajaajilaa ifiitiin, ‹Ariifadhuu gara karaa gugurda'aatii fi xurree qachaa keessaa dhaqiitii worra hiyyeessa, worra naafa, worra balla'aa fi worra hokkolaa fidi!› jedhe. 22 Tajaajilaan, ‹Gootta'a, waan ati ajajje maraa muummesseera, ammoo ammalle addeen hin jirti!› jedheen. 23 Maarre goottaan tajaajila'aan, ‹Gara kara'aatii fi xurre'ee dhaqiitii, akka manni kiyya guutuuf kolbaan akka dhuttu tolchi! 24 Ani isinitti hima, worra duraan waamame keessaa tokkolle sagalee tiyya ta galgalaa afaaniin hin qabu!› jedhe» jedheen.
25 Gumiin guddoon adoo isa woliin ideentuu, Yesuus itti garagalee, 26 «Nami gara kiyya dhufu, abba'aa fi haadha ifii, haadha manaatii fi ijoollee ifii, obboleeyyanii fi obboleettota ifii, jiruu ifiille na caalaa ka jaalatu yoo te'e, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u. 27 Fannoo ifii ba'atee ka na hin hordonne, barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u.
28 «Isin keessaa nami mana dhaka'aa ijaaruu barbaadu, duraan dursee beesee ittiin ijaaree fixu akka qabu beekiisaaf, tee'ee ka gatii hin herrenne eennu? 29 Yoo akkas hin te'in, hundee buusee[b] fixiisa ammoo yoo dadhabe, worri kana dhaggu maraa itti kolla; 30 ‹Ilaa, namichi kun ijaarsa jalqabee fixiisa ammoo dadhabe› jedha. 31 Yookiin mootiin loltoota kuma kudhan qabu, mootii loltoota kuma diddama qabu woliin loliisaaf ka duulu tokko, duraan dursee gad tee'ee ka hin mari'anne kam? 32 Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin gaafata. 33 Akkasuma, eennulle isin keessaa qabeenna ifii mara ka hin lakkinne barataa kiyya te'iisaaf hin dande'u» jedhe.
34 «Sooddi waan dansa'a, ammoo yoo kuraa ifi keessaa dhabe, attamiin deebi'ee kurowa ree? 35 Lafaaf yookiin kosii tuulantuufille hin te'u; alatti hin gatama. Gurra dhage'u ka qabu dhage'uuti!» jedhe.
<- Wongeela Luqaasii 13Wongeela Luqaasii 15 ->
Languages