1 Gaafa tokko Yesuus addee takkatti daadimatiisatti jiraayyu; yennaa inni daadimatee ka'e, barattoota isaa keessaa tokkochi isaan, «Gootta'a, Yohaannis barattoota ifii daadimatiisa akkuma barsiise, atille daadimatiisa nu barsiisi» jedhe.
2 Yesuus isaaniin, «Yennaa daadimattanu tana jedha'a:
5 Achiin duuba Yesuus ede'ee «Isin keessaa nami tokko lansa yoo qabaate, halkan wodhakkaa gara lansa ifii dhaqee ‹Lansa kiyya, daabboo xaltaa sad naa liqeessi. 6 Lansi kiyya karaa deemaa ammuma tana natti goree waan itti kennu dhabeera› yoo jedheen, 7 lansi isaa sun mana keessa tee'ee, isaan ‹Ana hin rakkisin! Balbalti cufantee, ijoolleen tiyyalle na woliin taqee irra ratteerti. Ani ka'ee womaa si'iif kenniisa hin dande'u› hin jedhaa? 8 Ani isinitti hima, lansa isaa waan te'eef ka'ee womaa isaaf kennuu dhabulle, adoo hin fokkifatin itti deddeebisee waan isa kadhateef, ka'ee waan isaa barbaachisu mara hin kenna.
9 «Maarre ani isiniin jedha: gaafadha'a isiniif hin kennanti; barbaada'a hin dhaggattani; dhodhowa'a balbalti isiniif hin bananti. 10 Ka gaafatu maraa hin fudhata; ka barbaadu maraa hin dhaggata; ka dhodhowu maraaf balbalti hin bananti. 11 Isin keessaa abbaa ka te'e, ilmi isaa [daabboo yoo gaafate dhakaa ka kennuuf eennu?][b] Qurxummii yoo gaafate dhudhuufaa ka kennuuf eennu? 12 Yookiin yoo inni quuphaa gaafate qaajjibbuu hin kennaafii? 13 Isin adoo hamoota teetanuu, waan dansaa ijoollee teessaniif kenniisa yoo beettane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru, attam caalchisee worra isa gaafatuuf Ayyaana Woyyicha kennuu dhaba!» jedhe.
14 Yesuus durriisa duudaa tokko baase. Yennaa durriisi baye, namichi dubbatiisa jalqabe; namootille baaseffatane. 15 Namooti gariin ammoo, «Inni hunna Bi'el Zebulii mooticha durriisotaatiin durriisota baasa» jedhane.
16 Worri dhibiin Yesuus haga ilaaliisaaf barbaadanee, beessisa tokko ol-gubbaa irraa akka isaanitti mudhisu gaafatan.[c] 17 Yesuus ammoo waan isaan yaadatane beekee, isaaniin, «Mootummaan takka wol mormitee yoo gargar ifi qoodde, mootummaan sun hin baddi; maatiin takka yoo gargar ifi qoodde, manni sun hin diigama. 18 Maarre Seexanni wol mormee yoo gargar ifi qoode, mootummaan isaa attamiin dhaabbatuu dandeetti? Waan isin anaan, ‹Inni hunna Bi'el Zebuliitiin durriisota baasa› jettaneef tana jedhe. 19 Yoo ani hunna Bi'el Zebuliitiin isaan baase, ijoolleen[d] teessan eennuun baasan? Tanaaf ijoolleen teessanuu isinitti murti. 20 Yoo ani hunna Waaqaatiin durriisota ka baasu te'ee, akka mootummaan Waaqaa gara keessan dhutteertu beeka'a.
21 «Nami jabaan tokko, meya woraanaa mara hidhatee, mana ifii yennaa eeggatu, qabeenni isaa marti hin eegamaaf. 22 Ammoo ka isa caalaa jabaatu yennaa isa lolee injifate, meya lolaa ka inni addatu maraayyuu irraa fudhata, karra dannabe sanille hin qooda. 23 Eennulle ka golii tiyya hin te'in na morma; eennulle ka na woliin wolitti hin qanne hin bittinneessa.
24 «Ayyaanni hamaan nama keessaa yennaa bawu, addee itti foorfatu barbaadatiisaaf, lafa bisaan hin jirre keessa deddeebi'a; addee barbaadatee yoo dhagguu dhabe, ‹Mana kiyya ka keessaa bayetti deebi'a› jedha. 25 Yennaa deebi'u, manni haxowamee qulqulloweeruun dhagga. 26 Achiin duuba ayyaanota hamoota torba ka isa caalaa hamaa te'ane dhaqee fida; isaanille dhufanee achi le'an. Jireenni namichaa ka duubaa ka duraa caalaa ka hammaate te'a» jedhe.
29 Kolbaan hedduun gara isaa dachaateertuun, Yesuus, «Dhalooti kun dhaloota hama'a; isaan beessisa gaafatan, ammoo beessisa Yoonaasii raagichaa malee ka dhibiin tokkolle hin kennamuuf. 30 Raagichi Yoonaas kolbaa Nanawwe'eetiif beessisa akka te'e ilmi namaalle dhaloota adhaa kanaaf beessisa hin te'a. 31 Mootittiin kibbaa guyyaa mura'aa dhaloota adhaa kana woliin kaatee, isaanitti hin murti. Isiin qaccee biyya lafaatii qaruu Solomoonii caqasiisaaf dhutte; amma kunoo ka Solomoon caalu as jira. 32 Kolbaan qachaa Nanawwe'ee guyyaa mura'aa dhaloota kana woliin kaatee isinitti hin murti; kolbaan Nanawwe'ee lallaba Yoonaasii dhageettee cubbuu irraa deebiteerti. Kunoo ka Yoonaas caalu as jira.
33 «Eennulle ifa issee, addee hin mudhannetti yookiin qorii jala ka keyu hin jiru; namooti yennaa mana seenanu akka dhagganu addee mudhatu keya. 34 Ilti teeti ifa nafa keetii ti; ilti teeti fayyaa yoo teete, nafi keeti duudiin ifaa te'a; ammoo ilti teeti dhukkudduu yoo teete nafi keeti duudiin dukkanowaa te'a. 35 Tanaaf ifi si keessa jiru akka hin dukkanoonne ifi eegadhu. 36 Nafi keeti duudiin ifa yoo qabaate, maddiin takkaalle dukkana keessa yoo hin jiraatin, akkuma yennaa ifi ifa ifii sitti issu te'u, nafi keeti duudiin ifaalessa te'a» jedhe.
42 «Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin ashuuda'aa fi sugattee[f] irraa, akkasuma waan ficha'atti dhaabattane duudii irraa kudhan keessaa tokko Waaqaaf kennitan, dhuga'aa fi jaalala waaqaa ammoo hin lakkittan. San adoo gootanuu tanalle worra dhibi'iif godhiisa lakkisuu hin malle. 43 Isin Fariisaayotaaf aanne'e! Isin Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessatti barcumaa ulfinnaa, addee dikko'ootille'etti nageya ulfinnaa akka isin fuudhanu jaalattan. 44 Isin irreensa[g] beessisa hin qanne ka namooti adoo hin beekin irra deemanu waan fakkaattanuuf isiniif aanne'e!» jedhe.
45 Beekaan Seera Muuse'ee tokko, «Barsiisaa, ati yennaa tana dubbattu be nu'ulle arrassaarta» jedheen. 46 Yesuus deebisee, «Isin beekkolee Seera Muuse'eetiif aanne'e! Isin ba'aa ulfaattuu dudda kolba'aatitti feetan, ifii ammoo quballe'een hin tuxxanu. 47 Isin raagota abbootiin teessan ijjeetteef irreensa waan ijaartanuuf, isiniif aanne'e! 48 Isin waan abbootiin teessan hujjetti wolii galtane; isaan raagota ijjeesanee, isin irreensa isaanii ijaartanee mirkaneessitane. 49 Marroo tanaaf beekkumsi Waaqaa, ‹Ani raagotaa fi ergantoota isaanitti erga; isaan garii hin ijjeesan kaan hin ari'an› jedha. 50 Maarre haga latti dadanteen jalqabee dhiiga raagota maraa ka jigeef dhalooti kun hin gaafatama. 51 Dhiiga Abeeliitiin jalqabee haga dhiiga Zakaariyaasii wodhakkaa addee ciinca'aatii fi Galma Waaqaatitti ijjeesanee, ani dhugumaan isinitti hima, dhiiga isaan maraatiif dhalooti kun hin gaafatama. 52 Isin beekkoleen Seera Muuse'ee, furtuu balbala beekkumsaa kolbaa duraa waan fuutaneertanuuf, isiniif aanne'e! Isin ifiif hin seenne, worra seeniisaaf barbaadulle hin dhooggitan» jedhe.
53 Yesuus yennaa achii deeme, barsiisoti Seera Muuse'eetii fi Fariisaayoti guddoo moromanee, gaaffii marroo waan heddu'uu isa gaafatanee, 54 dubbii inni dubbatuun isa qabiisaaf gaadane.
<- Wongeela Luqaasii 10Wongeela Luqaasii 12 ->- a Woraabbiin durii gariin, hima yookiin yaada laakkossa 2-4 keessatti dalleya keessa jiru mara hin qabu
- b Woraabbiin gariin yaada dalleya keessa jiru kana hin qabu
- c Mat. 12:38; 16:1; Mar. 8:11
- d Ijoolleen: Hordofattooti
- e Gadaamessi si ba'atee fi harmi ati hoote: Haati si deettee hoositte
- f Sugattee: Sukuttee
- g Irreensa: Irreensa
Languages