3 « ‹Yookiin nami tokko battummaa gosa tamiille teetu, battii nafa namaa keessaa yaatu adoo hin beekinille yoo tuqe, wonni inni tuqe sun battii akka teete yennaa beeke irraa kaasee, yakkaamessa hin te'a.
4 « ‹Yookiin nami tokko waanuma te'e maraayyuu, waan dansaa yookiin waan hantuu godhiisaaf, yaada malee adoo ifi hin eegatin yoo kakate, inni beekuu dhabulle, yennaa beekeen irraa kaasee, inni yakkaamessa hin te'a.
5 « ‹Eennulle waan akkasii kana keessaa waan tokkoon yakkaamessa yennaa te'e, cubbuu ifii faaci'atuu ti. 6 Inni Cubbuu huje saniif, tika hoole'ee yookiin re'e'ee keessaa gorontii hoole'ee yookiin gorontii re'e'ee, kennansa araara cubbu'uu ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti; hayyichille cubbuu isaatiif gumaa hin godha.
7 « ‹Inni hoolee yookiin re'ee yoo hin qanne te'e, saphaliisa lama yookiin maddoo lama, takkattii kennansa araara cubbu'uutiif, taan kennansa gubamuuf, ana Mootii Waan Maraatiif fiduu ti. 8 Inni gara hayyichaa isaan fiduu ti; hayyichi isaan keessaa dursee takkattii morma micciiree adoo irraa hin kutin kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessuu ti. 9 Dhiiga kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san irraa diqqaa isaa fuudhee, cinaa addee ciinca'aatitti fiffixuu ti; kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, dhiiga hafe addee ciinca'aa jalatti dhangalaasuu ti. 10 Takkattii taanille akkuma seeraatitti akka kennansa gubamuutitti dhikeessuu ti. Hayyichi cubbuu inni huje saniif, gumaa dhikeessuu ti; namichille araara hin dhaggata.
11 « ‹Inni saphaliisa lama yookiin maddoo lama yoo harkaa hin qanne te'e, bullaa dansaa kiiloogiraama lamaa cubbuu huje saniif kennansa araara cubbu'uu dhikeessuu ti. Kun kennansa araara cubbu'uu waan te'eef, zayitii ejersaa yookiin hixaana itti hin naqin. 12 Inni hayyichatti geessuu ti; bullaan tun kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatu waan teeteef, hayyichi ooboo tokko guutuu irraa fuudhee, yaadannoo akka teetu, kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamu irratti, addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 13 Akka kanaan hayyichi cubbuu namichi huje tamiifuu gumaa hin kenna; namichille araara cubbu'uu hin dhaggata. Bullaan irraa hatte akkuma kennansa midhaanii hayyichaaf teetuu ti› jedhi» jedhe.
17 «Nami tokko cubbuu hujee, ajaja kiyya keessaa waan dhooggame, adoo hin beekinuu tokkolle yoo casse, inni yakkaamessa; yakkaa ifiitiif itti hin gaafatama. 18 Inni horii keessaa korbeessa fafa hin qanne, gatii ati itti madaaltetti kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuuf, gara hayyichaa fiduu ti. Hayyichi balleessaa inni adoo hin beekin huje saniif gumaa hin kenna; namichille araara hin dhaggata. 19 Dhugumaan namichi ana Mootii Waan Maraa duratti yakkaa waan hujeef, kun kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatu» jedhe.
<- Kitaaba Seera Lewwootaa 4Kitaaba Seera Lewwootaa 6 ->- a Madaallii Dunkaanii Woyyitti'ii: Afaan Ibrootaatiin sheeqelii meeti'ii jedha.
Languages