4 « ‹Sanyii Aaronii keessa nami dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabu yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa woy dhangala'u haga qulqulloomutti kennansa woyyicha san hin nyaatin. Nami waan reeffa tuqee battowe tuqe yookiin nami nafa hilaa isaa keessaa bisaan sanyii te'u dhangala'u, 5 yookiin bineensota gadha'aan lafa irra lowanu ka isa batteessu yoo tuqe yookiin nama isa batteessu yoo tuqe, battummaan isaa tamiiyyuu teetulle, 6 hayyichi waan akkasii kana tuqe haga galgalaatitti battii hin te'a; nafa ifii bisaaniin haga dhiqatutti sagalee woyyittii san hin nyaatin. 7 Yennaa aduun seentu inni qulqulluu hin te'a; achiin duuba sagalee isaa waan teeteef, sagalee woyyittii san nyaatuu ti. 8 Ani Mootii Waan Maraa ti; inni akka hin battoonneef, foon waan ifiin du'ee yookiin ka bineensi dhibiin qabee ijjeese hin nyaatin.
9 « ‹Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; hayyooti ajaja kiyya tuffatanee yakkaameyyii akka hin teene, yookiin akka hin duune, ajaja kiyya eegatanuu ti.
10 « ‹Maatii hayyichaa malee, keessummaan hayyichaa yookiin hojjataan isaaf qaxaramee huju sagalee woyyittii tana hin nyaatin. 11 Garbichi hayyichi beesee ifiitiin bitate yookiin ka mana isaatitti dhalate ammoo sagalee qooda hayyichaa san nyaatuu ti. 12 Intalti hayyichaa takka nama sanyii hayyichaa hin te'in yoo heerumte, sagalee woyyittii tana hin nyaatin. 13 Garuu intalti hayyichaa ijoollee adoo hin deyin dhirsi isi'ii yoo isii lakkise yookiin yoo du'e, isiin akkuma yennaa ijoollummaa ifii gara mana abbaa ifii yoo deebite, sagalee qooda abbaa ifii san nyaatuu hin dandeetti. Te'uu malee nami maatii hayyichaa hin te'in, sagalee san hin nyaatin.
14 « ‹Nami maatii hayyichaa hin te'in tokko, adoo hin beekin sagalee woyyittii san yoo nyaate, gatii waan nyaatee san harka shan keessaa harka tokko itti dabalee hayyichaaf deebisuu ti. 15 Hayyooti sagalee woyyittii ta kolbaan Israa'elii ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessite san hin batteessin. 16 Ani Mootii Waan Maraa ka isaan woyyoonsu; nami sagalee woyyittii tana nyaatee yakkaa isa adabissiittu akka huju hin godhina'a jedha› jedhiin» jedhe.
25 « ‹Horii akkasii orma irraa fuutanee sagalee ana Waaqa keessanii gootanee hin dhikeessina'a. Horiin akkasii fafa yookiin komii waan qabuuf fudhatama hin qabu jedha› jedhiin» jedhe.
26 Mootiin Waan Maraa ammalle Muuse'een, 27 «Jabbiin, ilmooleen hoole'ee yookiin re'e'ee yoo dhalatane guyyaa torba haadha ifii bira turanuu ti; guyyaa saddeetesso'ootiin jalqabee kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamuuf fudhatama qaban. 28 Sa'a waatii isaa woliin yookiin hoolee ilmee isi'ii woliin guyyuma tokko hin qalina'a. 29 Kennansa galataa ana Mootii Waan Maraatiif yennaa dhikeessitanu akka isiniif fudhatama qabaatu akkasitti dhikeessa'a. 30 Ani Mootii Waan Maraa ti; kennansa san guyyuma dhikaate san nyaadha'a malee, tokkolle boruuf hin hamburatina'a.
31 «Ani Mootii Waan Maraa ti; ajaja kiyya eegadha'a; muummessaalle'e. 32 Ani Mootii Waan Maraa ka isin woyyoonsu; Kolbaa Israa'elii maratti ani woyyicha akka te'e beekkamuu qaba. Maqaa kiyya woyyicha hin batteessina'a. 33 Ani Mootii Waan Maraa ti; Waaqa isiniif te'iisaaf biyya Gibxi'ii keessaa ka isin baase ana» jedhe.
<- Kitaaba Seera Lewwootaa 21Kitaaba Seera Lewwootaa 23 ->
Languages