4 «Kennansi midhaanii ka boolla ibiddaa keessatti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin sukkuumante, daabboo uukoo hin qanne yookiin bixee hephellittii zayitiin ejersaa irra dibame te'uu ti. 5 Kennansi midhaanii ka eelee sibiilaatitti bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta daabboo uukoo hin qanne ta zayitii ejersaatiin sukkuumante te'uu ti. 6 Kennansa midhaanii waan te'eef daabboo san didiqqeessii caccassiitii zayitii ejersaa itti naqi. 7 Kennansi midhaanii disitii keessatti ka bilcheeffame yoo te'e, bullaa dansaa ta zayitii ejersaatiin makante teetuu ti. 8 Kennansa midhaanii ka waan kana irraa hujame ana Mootii Waan Maraatiif fidiitii, hayyicha gara addee ciinca'aa geessutti dhikeessi. 9 Hayyichi kennansa midhaanii ka dhikaate kana irraa gamisa fuudhee, yaadanno'oof akka te'u, kennansa ibiddaan gubamee dhikaatu, ka akka dakkara foolee dansaa qadduu ka ana Mootii Waan Maraa gammachiisu godhee addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 10 Ka hafe, kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamee ana Mootii Waan Maraatiif dhikaatu keessaa irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko waan te'eef, Aaronii fi ilmaan isaatiif kennamuu ti.
11 «Kennansa midhaanii ka ibiddaan gubamu woliin uukoo yookiin damma gubiisa waan hin barbaachinneef, kennansa midhaanii ka gubamu ka ati ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessitu keessa uukoon yookiin dammi hin jiraatin. 12 Isin kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif kennuu hin dandeettan; isaan kun ammoo kennansa gubamu ka foolee dansaa qabu te'anee, addee ciinca'aa irratti hin gubamanu. 13 Kennansa midhaanii keeti mara sooddaan mi'eessita. Kennansa midhaanii keeti keessaa soodda gondooroo Waaqa keetii hin lakkisin; kennansa keeti mara soodda keessa buusi.
14 «Ati kennansa midhaan mata'aa ana Mootii Waan Maraatiif yoo fidde, midhaan shawwee ibiddatti woddamee sharame dhikeessi. 15 Inni kennansa midhaanii waan te'eef zayitii ejersaa itti dhangalaasiitii hixaanalle irra keyi. 16 Kun kennansa ana Mootii Waan Maraatiif ibiddaan gubamee dhikaatu waan te'eef, hayyichi kennansa midhaan sharameetii fi zayitii ejersaa san gamisa, hixaana maraayyuu woliin yaadanno'oof akka te'u, ibiddaan gubuu ti.
<- Kitaaba Seera Lewwootaa 1Kitaaba Seera Lewwootaa 3 ->
Languages