4 «Inni qoloo haga miilaa dheerattu woyyittii quncee talba'aa irraa hujante lukee nafa isaatitti aantu ta quncee talba'aa irraa hujante woliin uffatuu ti; hiituu quncee talbaa irraa hujante hidhatee, marata mata'aa ka quncee talba'aa irraa hujame mata'atti maratuu ti. Isaan kun uffana woyyoomane waan te'aneef, inni nafa ifii dhiqatee uffatuu ti. 5 Inni korbeeyyii re'e'ee lama kennansa araara cubbu'uutiif, korbeessa hoole'ee tokko kennansa gubamuuf, kolbaa Israa'elii irraa fuudhuu ti.
6 «Aaronille kennansa araara cubbuu ifiitiif dardara dhikeesse san, ifii fi maatii ifiitiif gumaa cubbu'uu tolchuu ti. 7 Achiin duuba inni korbeeyyii re'e'ee san lamaanuu fuudhee seensuma Dunkaanii Woldeenna'aatitti fuula ana Mootii Waan Maraa dura dhikeessuu ti. 8 Aaron korbeeyyii re'e'ee lamaan san tokko ana Mootii Waan Maraatiif kenniisaaf, kaan gad lakkisiisaaf hixaa buusuu ti. 9 Inni korbeessa ana Mootii Waan Maraatiif hixaan itti bu'e san fidee kennansa araara cubbu'uutiif ciincessuu ti. 10 Korbeessa cubbuu kolba'aatiif gumaa tolchiisaaf goomole'etti akka gad lakkifamu hixaan itti bu'e san ammoo ana Mootii Waan Maraa dura lubbu'uun dhikeessuu ti.
11 «Aaron dardara kennansa araara cubbuu ifiitiif dhikaatu san dhikeessee, ifii fi maatii ifiitiif gumaa tolchiisaaf qaluu ti. 12 Addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtu san irraa kashila girigiraa guutu'uu fi hixaana bulleeffame ka uddaa dansaa qabu ooboo lama fuudhee, gara addee irra caalaa woyyitti'ii geessuu ti. 13 Hixaana san ana Mootii Waan Maraa duratti ibiddatti naquu ti. Akka inni hin duuneef, aarri hixaana sanii qadaaddaa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ta Saanduqa Gondooro'oo irra jirtu san hin golla. 14 Inni dhiiga dardaraa san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin qadaaddaa gumaa cubbu'uu gubba'atti gara duraatiin itti fiffixuu ti; achiin duuba dhiiga san diqqaa isaa qadaaddaa gumaa cubbu'uu san duratti yennaa torba fiffixuu ti.
15 «Achiin duuba inni korbeessa re'e'ee san araara cubbuu kolba'aatiif qaluu ti; dhiiga isaalle gara addee irra caalaa woyyitti'ii ta gollaa keessaa geessee akkuma dhiiga dardaraa godhe san qadaaddaa gumaan araara cubbu'uu gubba'atti fiffixuu ti; qadaaddaa araara cubbu'uu san duralle'etti fiffixuu ti. 16 Akka kanaan inni sababa battummaa, finqilaa fi cubbuu Israa'elootaa maraatiif addeen irra caalaa woyyitti'ii akka hin battoonne gumaa araara cubbu'uu hin tolcha; Dunkaanii Woldeenna'aa ta odduu isaanii battummaa isaanii wodhakkaa jirtulle akkasuma hin godha. 17 Yennaa Aaron addee woyyittii keessatti gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, Dunkaanii Woldeenna'aa seenu, haga inni ifiif, maatii ifiitii fi kolbaa Israa'elii duudi'iif gumaa cubbu'uu tolchee gad bayutti, nami tokkolle Dunkaanii Woldeenna'aa keessa hin jiraatin.
18 «Achiin duuba inni gara addee ciinca'aa ta fuula kiyya dura jirtuu gad bayee, gumaa cubbu'uu isi'iif tolchuu ti; dhiiga dardaraatii fi korbeessa re'e'ee san irraa diqqaa isaa fuudhee gaafota addee ciinca'aa san mara dibuu ti. 19 Dhiiga san irraa diqqaa isaa fuudhee quba ifiitiin yennaa torbaa addee ciinca'aa irratti fiffixee, battummaa kolbaa Israa'elii irraa adda baasee, addee ciinca'aa san qulqulleessuu ti.
20 «Aaron addee irra caalaa woyyitti'iif, Dunkaanii Woldeenna'aatiif, addee ciinca'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchee fixeen duuba, korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiru san dhikeessuu ti. 21 Inni harka ifii lamaanuu mataa korbeessa re'e'ee ka lubbu'uun jiruu san irra keyee, hammeennaa fi finqila, cubbuu Israa'elootaa mara faaci'ee mataa korbeessa sanii irra keyuu ti. Achiin duuba Aaron korbeessa san gad lakkisee nami hujii tanaaf filame gara lafa goomole'ee geessa. 22 Korbeessi sun cubbuu isaanii mara ba'atee gara lafa goomole'ee deema; namichille korbeessa san lafa nami keessa le'uu hin dandeenne goomolee keessatti gad hin lakkisa.
23 «Achiin duuba Aaron gara Dunkaanii Woldeenna'aa seenee, woyaa quncee talba'aa irraa hujante ta yennaa addee irra caalaa woyyitti'ii seenu uffatu san ifi irraa baafatee achitti lakkisuu ti. 24 Addee woyyittii sanitti nafa ifii bisaaniin dhiqatee woyaa ifii uffatuu ti. Achiin duuba gad bayee gumaa cubbuu ifii tolchiisaaf kennansa gubamu dhikeessuu ti; kolba'aatiifille gumaa cubbu'uu tolchiisaaf, kennansa gubamu dhikeessuu ti. 25 Cooma horii kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatee san addee ciinca'aa irratti gubuu ti.
26 «Namichi korbeessa re'e'ee san lafa goomole'ee geessee gad lakkise sun woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqateen duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a. 27 Dardarrii fi korbeessi re'e'ee ka kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatane, ka dhiigi isaanii gumaa cubbu'uu tolchiisaaf addee irra caalaa woyyitti'ii seene sun, gogaan, foonii fi cumaan isaanii addee quttumaatiin alatti gad baasanee gubanuu ti. 28 Namichi isaan kana gube woyaa ifiitii fi nafa ifii dhiqatuu qaba; achiin duuba gara addee quttumaa seenuu hin dande'a.
Languages