4 Achiin duuba Iyaasuun namoota kudhanii lama ka file san waamee, 5 isaaniin, «Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa Ka Waaqa keessaniitiin dura tara'aatii, haga laga Yordaanosii wodhakka'aa deema'a. Akka laakkossa gosoota Israa'eliititti tokko tokkoon keessan dhakaa tokko tokko fuudha'aatii, gurmuu teessan irratti kaafadha'a. 6 Dhakooti kun odduu teessanitti beessisa te'a. Hegeri ijoolleen teessan, ‹Dhakooti kun maan godha?› jettee yennaa isin gaafattu, 7 isin, ‹Saanduqi Gondooroo Mootii Waan Maraa laga Yordaanosii yennaa bu'e, bisaan Yordaanosii gargar cite; tanaaf dhakooti kun kolbaa Israa'eliitiif haga bara baraa yaadannoo hin te'a› jettanee itti hintan» jedhe.
8 Maarre Israa'elooti akkuma Iyaasuun isaan ajaje godhane. Akkuma Mootiin Waan Maraa Iyaasuu ajajetti isaan akka laakkossa gosa Israa'eliititti dhakaa kudhanii lama odduu laga Yordaanosiitii fuudhanee, gara quttuma ifii geessanee achitti dhaabane. 9 Iyaasuulle dhakoota kudhanii lama laga Yordaanosii wodhakka'atti addee miilli hayyoota Saanduqa Gondooro'oo ba'atane dhaabbatetti dhaabe. Dhakooti sun haga adhalle achuma jiran. 10 Akka kolba'aaf himu Mootiin Waan Maraa akkuma Iyaasuu ajajetti, wonni marti haga muummottutti hayyooti laga Yordaanosii wodhakkaa dhaabbattee turte. Wonni Muuseen Iyaasuu ajajelle tanuma.
15 Achiin duuba Mootiin Waan Maraa Iyaasu'uun, 16 «Hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa akka bayanu ajaji» jedhe. 17 Tanaaf Iyaasuun hayyootaan, «Laga Yordaanosii keessaa baya'a» jedhee ajaje. 18 Hayyooti Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa ba'atteertu laga Yordaanosii keessaa baatee, miilli isaanii lafa godduu irra yennaa ijjate, lagi Yordaanosii addee ifiititti deebi'ee, akkuma durii guutee danbala'e.
19 Kolbaan Israa'elii ji'a matoomaa guyyaa kudhaneesso'ootitti laga Yordaanosiitii ol bayanee, meessaa Yeriko'oo gara aduun baatuun Giilgalitti qubatane. 20 Iyaasuun dhakaa kudhanii lama ka laga Yordaanosii keessaa fuudhame Giilgalitti dhaabee, 21 kolbaa Israa'eliitiin, «Hegeri yennaa ijoolleen teessan, ‹Dhakaan kun maan?› jettee abbootii ifii gaafattu, 22 isin, ‹Kolbaan Israa'elii laga Yordaanosii kana keessa lafa godduu irra buute. 23 Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan haga nuuti buunutti Abbaayaa Diintuu nuuf gosse; isinille'eef haga isin buutanutti Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan bisaan Yordaanosii gosse. 24 Waan kanaaf kolbaan lafa irra jirtu duudiin hunni Mootii Waan Maraa attam guddoo akka teetee hin beetti; isinille Mootii Waan Maraa Waaqa keessan haga bara baraa hin ulfeessitan› jedha'aan» jedhe.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 3Kitaaba Iyaasu'uu 5 ->
Languages