14 Iyaasuun ammalle kolba'aan, «Mootii Waan Maraa ulfeessa'a; dhuga'aa fi addatamumma'aan isa tajaajila'a; waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitii fi biyya Gibxi'iititti waaqonfatane irraa fagaadha'aatii, Mootii Waan Maraa qofa waaqonfadha'a. 15 Yoo isin isa waaqonfatiisaaf fedha hin qabaatin ammoo, waaqota abbootiin teessan ta durii laga Efraaxiisiitiin gamatti waaqonfatte yookiin waaqota Amoorotaa ka lafa isin amma keessa le'aartanuu waaqonfatiisaaf murteeffadha'a. Anii fi maatiin tiyya ammoo Mootii Waan Maraa hin waaqonfanna» jedhe.
16 Kolbaan deebittee, «Mootii Waan Maraa lakkinne waaqota dhibii ijjumaa hin waaqonfannu! 17 Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna, abbootii teennaa fi nu'u garbummaa biyya Gibxi'ii jalaa baaseera; bilbaasota inni godhelle dhaggineerra; kolbaa biyya adda addaa ta keessa dabarre duudii oddu'utti nageyaan nu eegeera. 18 Mootiin Waan Maraa kolbaa Amoorotaa ta lafa san keessa leetu duudii nu duraa ari'e. Inni Waaqa keenna waan te'eef, nuutille isa hin waaqonfanna» jette.
19 Iyaasuun kolba'aan, «Mootiin Waan Maraa Waaqa woyyichaa fi hinaatticha waan te'eef, isa tajaajiluu hin dandeettanu; inni yakka'aa fi cubbuu teessan hin araaramu. 20 Isin isa lakkittanee waaqota orma yoo waaqonfattane, inni dur dansaa isiniif te'ulle, waan hantuu isinitti fidee, isin hin balleessa» jedhe.
21 Kolbaan Iyaasu'uun, «Waawwo'o! Nuuti Mootii Waan Maraa waaqonfanna» jette.
22 Iyaasuun isaaniin, «Isin Mootii Waan Maraa waaqonfatiisa waan filattaneef isinuu ifiif dhugaa baatota» jedhe.
23 Achiin duuba Iyaasuun kolba'aan, «Waaqota orma ka odduu teessan jiranu gata'aatii, gadhaa keessan gara Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii deebifadha'a» jedhe.
24 Achiin duuba kolbaan Iyaasu'uun, «Nuuti Goottaa Waaqa keenna hin waaqonfanna; ajaja isaalle hin eeganna» jette.
25 Guyyuma san Iyaasuun Sheekemitti kolbaa woliin gondooroo godhee, seeraa fi qajeelfama ittiin bulanu isaaniif kenne. 26 Iyaasuun ajajjoota tana kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse; achiin duuba dhakaa guddaa tokko fuudhee, addee woyyittii Mootii Waan Maraa bira qilxaa jalatti dhaabe. 27 Inni kolbaa duudi'iin, «Dhakaan kun waan Mootiin Waan Maraa nu'utti dubbate, duudii waan dhage'eef, nu irratti dhugaa hin baya; tanaaf yoo Waaqa mormattane dhakaan kun isin irratti dhugaa hin baya» jedhe. 28 Achiin duuba Iyaasuun kolbaa ifi irraa geegesse; nami martinuu gara lafa ifii deebi'e.
31 Bara Iyaasuun jiru'uun jiru duudii kolbaan Israa'elii Waaqa waaqonfatte; du'a isaatille'een duuba, haga bara jaarsoleen waan Waaqi Israa'eliif godhe mara ila ifiitiin dhaggane jiranuutitti Waaqa waaqonfatane.
32 Lafeen Yoseefii ta Israa'elooti biyya Gibxi'iitii fidane, lafa diqqoo ta Yaaqoob ilmaan Hamoorii abbaa Sheekemii irraa meetii dhibba tokkoon bite, lafa sanyii Yoseefii keessatti awwaalante.
33 Ilmi Aaronii Ele'azaar du'ee, qachaa biyya koobittii Efreemii keessaa ka ilma isaa Fiinehaasiif kenname Giibe'atti awwaalame.
<- Kitaaba Iyaasu'uu 23
Languages