1 Achiin duuba Iyoob Mootii Waan Maraatiif deebisee,
9 Achiin duuba Eliifaaziin nami qachaa Temaanii, Biildaad nami biyya Shu'aatii fi Zofaar nami biyya Naa'imaa dhaqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa isaan ajaje godhane; Mootiin Waan Maraalle daadimata Iyoobii dhage'e.
10 Iyoob jaalota ifii sadiif daadimateen duuba, Mootiin Waan Maraa karra isaa addee duriititti deebisee, ta dur qabu caalaa dachaa lama kenneef. 11 Achiin duuba obboleeyyan Iyoobii ta dhiiraatii fi ta durraa, worri dur isa beeku duudiille gara isaa dhufanee, mana isaatitti isa woliin areerratane; isaan rakkoo guddoo Mootiin Waan Maraa isatti fide maraaf gaddanee, isa jajjabeessane; tokko tokkoon isaaniituu beesee diqqo'oo fi qubee worqi'ii kennaneef.
12 Mootiin Waan Maraa jiruu Iyoobii ta durii caalaa ta duuba irraa eebbise; Iyoob hoolee kuma kudhanii afur, gaala kuma jaa, qotiyyoo ximmaadii kuma tokkoo fi harree kuma tokko qabaayyu. 13 Inni ammalle ilmaan torbaa fi durra sad uumate. 14 Inni intala ifii angafittii, «Yimiimaa» ta lammeesso'oo, «Qasi'aa» ta sadeesso'oo, «Qereen-haphuu» jedhee maqaa baase. 15 Lafa duudii irratti dubartiin akka durra Iyoobii guddoo miidhaddu hin jirtuuyyu; abbaan isaanii Iyoob obboleeyyan isaanii woliin dhaala isaaniif qoode.
16 Tanaan duuba Iyoob woggaa dhibba tokkoo fi afurtama le'ee, ilmaan ifii, akaakota ifii, abuubotaa fi abutturoota ifii dhagge. 17 Inni woggaa hedduu le'ee, dulloomee du'e.
<- Kitaaba Iyoobii 41
Languages