3 Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Tajaajilaa kiyya Iyoob hubattee? Biyya lafa irra nami akka isaa tokkolle hin jiru; inni nama komii hin qanne, nama qajeelaa, nama ana Waaqa sodaatuu fi hantuu irraa ka fagaate. Ati akka ani sababa malee isa irratti ka'ee, isa balleessuuf na kakkaatteerta; inni ammoo haga ammaalle addatamummaa ifii eegateera» jedhe.
4 Seexanni deebisee Mootii Waan Maraatiin, «Inni fayya'a, gogaan isaatuu hin tuqanne; nami fayyaa ifiitiif, waan qabu mara hin kenna. 5 Me amma, harka keeti diriirsiitii lafee isaatii fi foon isaa miidhi; inni fuula duratti si abaara» jedhe.
6 Maarre Mootiin Waan Maraa Seexanaan, «Guddoo dansa'a, lubbuu isaa hin ijjeesin malee, akka feete isa godhuu dandeetta» jedhe.
7 Achiin duuba Seexanni fuula Mootii Waan Maraa duraa bayee deemee, faana miilaa irraa haga gubbaa mata'aatitti madaa hantuu Iyoobitti buuse. 8 Achiin duuba Iyoob ifi hooqatiisaaf bassoo fudhatee, daadhaa keessaa tee'e. 9 Niitiin isaa, «Ati ammalle addatamummaa teeti qabattee jirtaa? Waaqa abaariitii du'i!» jette.
10 Iyoob ammoo isi'iin, «Ati akkuma dubartiin gowwaan dubbattu dubbataarta; Waaqi waan dansaa yennaa nuu kennu gammadaan fudhanna; hantuulle hin fudhannuu ree?» jedhe; tana duudii keessatti Iyoob cubbuu hin hunye; hantuulle hin dubbanne.
Languages