3 Yesuus, «Ani dhugaa sitti hima; eennulle yoo lammeessoo[a] hin dhalatin mootummaa Waaqaa dhagguu hin dande'u» jedhee deebise.
4 Niqoodemoos, «Nami guddateen duuba attam dhalatuu dande'a? Lammeessoo gadaamessa haadha ifii seenee dhalatuu hin dande'aa?» jedhee Yesuus gaafate.
5 Yesuus deebisee, «Ani dhugaa sitti hima, eennulle bisaanii fi Ayyaana Woyyichaan yoo hin dhalatin, mootummaa Waaqaatitti galuu hin dande'u. 6 Nama foonii irraa ka dhalate foon; ka Ayyaana irraa dhalate ammoo Ayyaana. 7 Waan ani, ‹Lammeessoo dhalatuu qaddan› si'iin jedheef hin masoonfatin. 8 Bubbeen gara feete bubbitti; ati bubbisiisa isi'ii hin dhageetta, ammoo eessaa akka dhuttu yookiin eessa akka deentu hin beettu. Ayyaana irraa ka dhalate maraayyuu akkasuma» jedhee deebise.
9 Niqoodemoos, «Kun attam te'uu dande'a?» jedhee Yesuus gaafate.
10 Yesuus, «Ati barsiisaa Israa'elii teetee waan kana hin beettuu? 11 Ani dhugaa si'itti hima: Nuuti waan beennu dubbanna; waan dhaggine dhugaa baana; isin ammoo dhugaa bayiisa keenna hin fudhattanu. 12 Yennaa ani marroo waan biyya lafa tanaa isinitti himu yoo hin dhugeeffatin, yennaa ani marroo waan ol-gubba'aa isinitti himu attamiin dhugeeffattan ree? 13 Ilma Namaa ka ol-gubba'aa gad dhufe malee, ka gara ol-gubba'aa ol baye eennulle hin jiru.
14 «Akkuma Muuseen lafa goomole'ee keessatti dhudhuufaa sageettu'uu dongoraa irratti ol fuudhe rarraase, akkasuma Ilmi Namaalle ol fuudhamee rarraafamuu qaba. 15 Kunille ka isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatuuf. 16 Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne. 17 Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
18 «Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. 19 Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane. 20 Ka waan hantuu godhu marti ifa jibba; hujiin isaa hantuun akka hin mudhanneef gara ifaa hin dhufu. 21 Ka waan dhuga'aa godhu marti ammoo hujiin inni Waaqaaf ajajamiisaan huje san akka ifi mudhisuuf gara ifaa dhufa» jedheen.
25 Barattooti Yohaannisii gariin marroo aadaa qulqulloomiisaa Yihudicha tokko woliin wol mormiisatti ka'ane. 26 Maarre isaan gara Yohaannisii dhaqanee, «Barsiisa'a, namichi Yordaanosiin gamatti si woliin jiru, ka ati marroo isaa dhugaa baate, kunoo amma cuuphiisatti jira; nami marti gara isaa dhaqiisatti jira!» jedhanee itti himane.
27 Yohaannis deebisee, «Waaqi yoo kenneef malee, eennulle waan tokkolle hin qabaatu. 28 ‹Ani Kiristoosii moti; ammoo isaan dura ergameeraa› akka ani jedhe isinuu dhugaa tiyya.[c] 29 Ka waajibittii qabu waajibicha; jaalli waajibichaa, ka isa bira dhaabbatee qoonqoo isaa caqasu ammoo, yennaa qoonqoo waajibichaa dhage'u hin gammada. Gammadi sun kiyya; inni amma muummowe. 30 Inni guddaa te'ee, ani diqqaa te'uu qaba.
Languages