15 Diiranteeffatanee ka'aneeranuun duuba, Yesuus Simoon Pheexroosiin, «Simoonii ilma Yohaannisii[a], worra kana caalaa na jaalattaa?» jedhe.
Inni, «Ee, Goottaa, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus isaan, «Ilmoolee tiyya dheedisiisi[b]» jedhe. 16 Yesuus lammeessoo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalattaa?» jedheen.
Inni, «Ee, Gootta'a, akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedhee deebise.
Yesuus, «Buruusoo tiyya tissi» jedheen. 17 Yesuus yennaa sadeesso'oo, «Simoonii ilma Yohaannisii, na jaalatta?» jedhe.
Pheexroos waan inni sadeessoo, «Ana jaalattaa?» jedhee isa gaafateef gaddee, «Gootta'a, ati waan mara beetta; akka si jaaladhu atuu hin beetta» jedheen;
Yesuus, «Hoolee tiyya bobbaasi. 18 Ani dhugaa si'iin jedha: Ati yennaa dargaggeessaa, hidhattee gara barbaadde deentaayyu; yennaa dulloonte ammoo, harka keeti diriirfatteen, nami dhibiin sitti hidhee gara ati hin jaalanne si geessa» jedheen. 19 Yesuus tana jedhiisaan, Pheexroos du'a attamii du'ee Waaqa akka ulfeessu'uuf jiru mudhise. Achiin duuba Yesuus, «Na hordofi!» isaan jedhe.
Yesuusii Fi Barataa Jaalatamaa
20 Pheexroos garagalee barataan Yesuus isa jaalatu kuun Yesuus hordofuun dhagge; barataan kun ka irbaata irratti gara Yesuusii ittuma hiiqee, «Gootta'a, ka dabarsee si kennaaru eennu inni?» jedhee gaafate. 21 Pheexroos yennaa isa dhagge, «Gootta'a, namichi kun maan te'a ree?» jedhee Yesuus gaafate.
22 Yesuus, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe? Na hordofi» jedheen.
23 Maarre oduun, «Barataan kun hin du'u» jettu worra Yesuus hordofu oddu'utti odeeffante. Yesuus ammoo, «Haga ani dhufutti akka inni le'u ani yoo fedhe maanti si dhibe?» jedhe malee, inni hin du'u hin jenne. 24 Ka waan kana dhugaa bayee fi ka waan kanalle barreesse baratuma kana; nuutille wonni inni dhugaa baye dhugaa akka teete hin beenna.