1 Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. 2 Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. 3 Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. 4 Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime.
12 «Ani waan hedduu isinitti himu qaba, amma ammoo qalbeeffatiisa hin dandeettanu. 13 Ayyaanni dhuga'aa yennaa dhufe, inni gara dhuga'aa mara isin hin geessa. Inni ifirraa fuudhee hin dubbatu, ammoo waan dhage'ee fi waan dhufu'uu jiru dubbata. 14 Inni waanuma ani jedhu fuudhee waan isinitti himuuf, ulfinna naaf hin kenna. 15 Wonni Abbaan qabu martinuu tiyya; tanaaf ani, ‹Ayyaanni Woyyichi waanuma ani jedhe fuudhee isinitti hima› jedhee isinitti dubbadhe.
19 Yesuus akka isaan isa gaafatiisa barbaadane beekee, « ‹Yennaa diqqo'oon duuba na hin dhaggitanu, ammalle yennaa diqqo'oon duuba deebitanee na hin dhaggitan› waan ani jedheef, isin wol gagaafattanii? 20 Ani dhugaa isinitti hima: isin waacittanee boottan, biyyi lafaa ammoo hin gammaddi; isin hin gadditan, gaddi keessan ammoo gara gammadaa hin jijjiirama. 21 Dubartiin takka yennaa deyiisa geettu, yennaan ciniinsu'uu waan geetteef hin gadditi; yennaa daa'imi dhalate ammoo, daa'imi gara biyya lafaa waan dhufeef gammaddee, rakkinna ifii deeti. 22 Isin amma gaddiisatti jirtan; ani ammoo deebi'ee isin hin dhagga; gadhaan keessan hin gammada; gammada keessan eennulle isin irraa hin fudhatu.
23 «Guyyaa san, isin womaa na hin gaafattanu. Ani dhugaa isinitti hima: Waan isin maqaa kiyyaan Abbaa gaafattanu mara Abbaan isiniif hin kenna. 24 Haga ammaa maqaa kiyyaan waan tokkolle hin gaafanne; gammadi keessan guutuu akka te'uuf, gaafadha'a hin fudhattan» isaaniin jedhe.
29 Achiin duuba barattooti isaa, «Ati amma fakkeenna malee, ifa tolchitee dubbatiisatti jirta. 30 Amma akka ati waan mara beettu, gaaffii nami qabu adoo inni si hin gaafatinille akka beettu nuuti beenneerra. Tanaaf akka ati Waaqa biraa dhutte nuuti hin dhugeeffanna» jedhaneen. 31 Yesuus deebisee, «Isin amma dhugeeffattaneertanii? 32 Yennaan isin qofi na lakkittanee namuu gara mana ifii bittinnowu dhufiisatti jirti; ammaayyuu dhutteerti; ani qofii tiyya hin hafa. Abbaan na woliin waan jiruuf, ani ammoo qofi hin jiru. 33 Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.
<- Wongeela Yohaannisii 15Wongeela Yohaannisii 17 ->
Languages