7 Yesuus isaan, «Waan ani hujiisatti jiru ati amma hin beettu, duubarra ammoo hin hubatta» jedhe. 8 Pheexroos deebisee, «Ati ijjumaa miila kiyya hin dhixxu!» jedheen.
9 Simoon Pheexroos deebisee, «Gootta'a, eegasuu, miila kiyya qofaa motii, harkaa fi mataa kiyyalle dhiqi!» jedheen.
10 Yesuus deebisee, «Nami nafa dhiqate, nafi isaa duudiin qulqulluu waan te'eef, miila ifii malee, nafa dhiqachuu hin barbaachisu. Isin qulqullu'u; te'uu malee, isin marti qulqullu'uu moti» jedheen. 11 Yesuus duraanuu ka isa dabarsee kennu waan beekeeruuf, «Isin marti qulqullu'uu moti» jedhe.
12 Yesuus miila isaanii dhiqeen duuba, woyaa fudhatee uffatee, addee ifiititti deebi'ee tee'ee, «‹Waan ani isinii godhe hubattanee?› jedhee gaafate. 13 ‹Barsiisa'a, Goottaalle› jettanee na waantan; akkas jechuun keessan dhuguma; sababilleen aninuu akkuma san. 14 Ani, Goottaan keessanii fi barsiisaan keessan, miila keessan eega dhiqee, isinille miila wolii dhiquu qaddan. 15 Akkuma ani isiniif godhe isinille akka gootanu, fakkeenna isinii te'eera. 16 Ani dhugaa isinitti hima: Garbichi goottaa ifii hin caalu, ergantichille ka isa erge hin caalu. 17 Isin dhugaa tana beettanee, hujii irra yoo oolchitane ka badhaatane.
18 «Ani marroo isin maraatiif dubbatiisatti hin jiru; ani worra filadheeru hin beeka; ammoo Barreeffam Woyyichi, ‹Namichi sagalee tiyya nyaate garagalee natti ka'e!› jedhu muummowuu qaba. 19 Yennaa inni muummowe, isin akka Ani Isa te'e akka dhugeeffattanuuf, adoo inni hin te'in dura amma ani tana isinitti hima. 20 Ani dhugaa isinitti hima: Nami ka ani erge fudhatu na fudhata; nami na fudhatulle ka na erge fudhata» isaaniin jedhe.
21 Yesuus tana dubbateeruun duuba, yaada[a] ifiitiin rakkatee, «Ani dhugaa isinitti hima: Isin keessaa tokkochi dabarsee na hin kenna» jedhee ifa tolchee dubbate.
22 Barattooti marroo eennuutiif akka inni dubbate wollaalanee, wol ilaalane. 23 Barattoota keessaa tokko, ka Yesuus isa jaalatu, Yesuusitti aanee tee'eeraayyu. 24 Simoon Pheexroos, barataa sanitti qiphifatee, «Marroo eennuutiif akka Yesuus dubbatiisatti jiru gaafadhu» jedheen.
25 Maarre tanaaf barataan sun ittuma Yesuusitti hiiqee, «Gootta'a, eennu inni?» jedhee gaafate.
26 Yesuus deebisee, «Ka ani cassaa daabbo'oo tana unata[b] keessa cuuphee tuuqachiisu isa» jedheen; maarre inni cassaa daabbo'oo fuudhee, ilma Simoonii, Yihudaa nama biyya keriyootii tuuqachiise. 27 Yihudaan akkuma cassaa daabbo'oo fudhateen, Seexanni isatti gale; Yesuus isaan, «Waan hujaartu dafii huji!» jedheen. 28 Worra irbaata irra jiru san keessaa Yesuus maaf tana akka isaan jedhe nami tokkolle ka beeke hin jiru. 29 Yihudaan beesee waan qabatuuf, barattooti gariin jilaaf waan isaanii barbaachisu dhaqee akka bitu, yookiin hiyyeeyyi'iif waan tokko akka kennuuf, Yesuus itti hime seyane. 30 Yihudaan cassaa daabbo'oo fudhatee yoosuma gad baye. Yennaan sun halkan.
36 Simoon Pheexroos, «Gootta'a, eessa dhaqaarta?» jedhee isa gaafate.
37 Pheexroos, «Gootta'a, amma si hordofiisa maaf hin dandeenne? Ani lubbuu tiyyalle si'iif dabarsee hin kenna» jedheen. 38 Yesuus deebisee, «Ati dhugumaan lubbuu teeti naaf dabarsitee hin kennitaa? Ani dhugaa sitti hima: Adoo lukkuun hin iyyin ati yennaa sadiin na mormatta» jedheen.
<- Wongeela Yohaannisii 12Wongeela Yohaannisii 14 ->
Languages