5 «Karaa keessanii fi hujii teessan dhugumaan yoo haareffattane, wol woliif haqa yoo hujjane, 6 nama alaga'aa fi ijoollee abbaa hin qanne, haadha hiyyeessaalle yoo cunqursuu dhaddane, addee tanatti dhiiga nama yakkaa hin qannee yoo dhangalaasuu dhaddane, waaqota dhibii gula deemiisaan yoo ifi miidhu dhaddane, 7 ani lafa abbootii teessaniif haga bara baraa akka keessa le'anuuf kenne san keessa akka isin leetanu hin godha. 8 Isin ammoo dubbii dharaa ta bu'aa hin qanne dhugeeffattan. 9 Isin hin hattan; nama hin ijjeettan; hin gaarayyeeffattan; dharaan kakattan; Ba'aaliif hixaana aarsitan; waaqota dhibii ka hin beenne san gula deemaa, 10 addee maqaan kiyya itti waamamu, gara Galma kiyyaa dhuttanee, na dura dhaabbattanee, waan battii tana hujaa, ‹Wonni nu miidhu hin jiru› jettan. 11 Galmi kiyya ka maqaan kiyya itti waamamu, daggala hattu'uu isiniif te'eeraa? Kunoo, ani waan isin gootanu kana dhaggeera. 12 Amma addee qara maqaan kiyya akka itti waamamuuf filadhe gara qachaa Shiilo'oo dhaqa'aatii, sababa hammeenna kolbaa tiyya Israa'eliitiif waan ani godhe ilaala'a. 13 Isin waan kana mara adoo gootanuu, itti deddeebi'ee isinitti dubbadheera; isin ammoo na hin caqanne; yennaa ani isin waamelle na jalaa hin owwaanne. 14 Tanaaf waan qara qachaa Shiilo'oo godhe, ammalle addee maqaan kiyya itti waamamu, Galma isin itti dhugeeffattanu, addee isinii fi abbootii teessaniif kenne tana akkasuma hin godha. 15 Obboleeyyan teessan sanyii Efreemii mara fuula kiyya duraa akkuma ari'e, isinille fuula kiyya duraa hin ari'a.»
21 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, ‹Woreega ciinca'aa ciincaa dhibi'itti dabala'aatii, foon san ifiifuu nyaadha'a. 22 Ani abbootii teessan ta durii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baase, waan woreega ciinca'aatii fi ciincaa dhibi'ii womaa isaanitti hin dubbanne yookiin ajajalle isaaniif hin kennine. 23 Ammoo naaf ajajama'a! Anille Waaqa keessan isiniif hin te'a; isinille kolbaa tiyya hin teetan; akka isinii milkoottuuf, karaa ani isin ajaju mara deema'a!› jedhee isaan ajajeera. 24 Isaan ammoo mataa jabaatanee hammeenna gadhaa ifii gula deemane malee, na hin dhageenne yookiin hin caqanne. Isaan gara duubaa deemane malee, gara duraa hin deenne. 25 Bara abbootiin teessan biyya Gibxi'ii keessaa baateen jalqabee haga ammaa guyyuma guyya'aan, deddeebisee tajaajiltoota tiyya raagota gara keessan erge. 26 Kolbaan ammoo na hin dhageenne yookiin na hin caqanne. Mataa jabaatanee abbootii ifii ta durii caalaa hantuu hujane.
27 «Ati tana mara yennaa isaanitti hintu, isaan ammoo si hin caqasanu; yennaa ati isaan waantulle si jalaa hin owwaatanu. 28 Tanaaf, ati isaaniin, ‹Isin kolbaan tun ta Waaqa ifiitiif hin ajajanne yookiin ta gorsa isaalle hin fudhanne. Dhugaalle afaan keessan keessaa baddeerti. 29 Mootiin Waan Maraa dhaloota itti mufateeru kana tuffatee waan lakkiseef, rifeensa mataa keessanii haadadha'aatii ifi irraa gata'a; qaccee koobota goddu'uu irratti ol baya'aatii qoonqoo teessan ol qabadha'aatii faaruu awwaalaa faarsa'a.
Languages