12 Isaan Mootii Waan Maraa irratti dhara dubbatanee, «Inni womaa nu hin godhu; hantuulle nutti hin dhuttu; woraana yookiin beelalle ijjumaa hin dhagginu. 13 Raagoti akka qilleensaati malee, jechi Waaqaa isaan keessa hin jiru; wonni isaan dubbatanu isaanumatti garagaltuu ti!» jedhan. 14 Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi Waan Mara dande'u, «kolbaan jecha akkasii waan dubbatteef anaan, ‹Inni womaa nu hin godhu› waan jetteef, ani jecha kiyya afaan keeti keessatti akka ibiddaa, kolbaa tanalle akka qoraanii hin godha; ibiddille isaan hin fixa. 15 Ee kolbaa Israa'elii! Ani kolbaa isin irratti kaatu biyya fago'ootii hin fida; Kolbaan tun, kolbaa jaddu'uu fi kolbaa bara durii ta isin afaan isaanii hin beennee fi waan isaan dubbatanu hin hubanne. 16 Gonofaan daaya isaanii akka boolla awwaalaa ta banantee ti; marti isaanii loltoota jajjaba. 17 Isaan midhaanii fi sagalee teessan hin nyaatan; ilmaanii fi ijoollee durraa teessan hin ijjeesan; hoole'ee fi horii keessan, muka woyni'iitii fi muka harru'uu keessan nyaatanee hin fixan. Qachoota keessan ka dalleya dhaka'aa qabanu, ka isin itti addattane shallaaga'aan diiganee hin balleessan.
18 «Te'uu malee ani Mootiin Waan Maraa, guyyoota san kolbaa tiyya ijjumaa hin balleessu. 19 Kolbaan, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna waan akkasii kana mara maaf nu irratti godhe?› jedhanee yoo si gaafatane, ati isaaniin, ‹Akkuma isin na lakkittanee, lafuma teessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltane, lafa teessan hin te'inille'etti orma hin tajaajiltan› isiniin jedha» jedhiin. 20 Mootiin Waan Maraa, «Dubbii asii gadii tana sanyii Yaaqoobiititti hima'a; kolbaa Yihuda'aatille'etti lassa'a: 21 Isin kolbaan gowwoole'ee fi hubantii hin qanne, tana dhage'a'a; isin ila qaddan ammoo hin dhaggitanu, gurralle qaddan ammoo hin dhageettanu, 22 isin na hin sodaattanuu ree? Na duratti hin hollattanuu ree? Meessaa abbaaya'aa akka te'uuf maansa ka keye ana; abbaayaan meessaa san irra haga bara baraa hin dabartu; danbaliin kaatulle isa irra hin dabartu; abbaayaan huursitelle isa irra hin qaxxaamurtu. 23 Kolbaan tun ammoo mata-jabeeyyi'ii fi ta na finqilte; isaan na irraa deebi'anee deemaneeran. 24 Isaan gadhaa ifii keessalle'etti, ‹Mootiin Waan Maraa Waaqa keenna, ka bokkeya duraatii fi duubaa yennaa yennaa isaatitti nu'uuf kennu, midhaan yennaa isaatitti akka galfannu ka nu'uuf godhu kowaa sodaannaa› hin jedhanu. 25 Yakkaan teessan tana isin irraa hamburteerti; cubbuun teessanille waan dansaa isin dhassiitteerti.
26 «Worri hamaan ka akka nama sinbirree tiyyo'oon qabuu, dhokatee nama qabu odduu kolbaa tiyyaa jira. 27 Akkuma manni sinbirre'eef ijaarame sinbirre'een guutamu, manni isaanii waan isaan sobaan dhaggataneen guutameera; tanaaf isaan worra gugurda'aa fi dureeyyii te'aneeran. 28 Isaan gabbatanee cululuqaneeran; hammeennii isaanii haga hin qabu; ijoollee abba'aa fi haadha hin qanneef haqaan hin murre; mirga worra hiyyeessaatiifille hin falmine. 29 Ani Mootiin Waan Maraa, Waan akkasii kanaaf, isaan hin adabuu ree? Kolbaa akkasii tana ani haluu hin bayuu ree? 30 Wonni guddoo nama sodaachisuu fi bararassu lafa irratti te'eera. 31 Raagoti sobaan raaga dubbatti; hayyooti gorsa raagotaatiin bulchiti; kolbaan tiyyalle waan akkasii kana jaalatti; yennaa muummeen dhuttu ammoo isin maan gootan ree?» jedha.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 4Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 6 ->- a Qonfoodane: Wolitti qabamane.
Languages