3 Yennaa qachaan Yerusaalemii qabame, qondaaltoti mootii Baabilonii marti: Nergaal-Shaarezer, Samgaar-Nebuu, Saar-Sekiim sooressi ajajjoota hojjatoota mana mootumma'aa, Nergaal-Shaarezer qondaala ol-aana'aa fi qondaaltota mootii Baabilonii dhibii mara woliin dhufanee karra wodhakkaa jirtu keessatti addee qabatane.
4 Mootichi Yihuda'aa Zedeqiiya'aa fi loltooti isaa marti yennaa isaan dhaggane, karra karaa oorruu mootichaa ta dalleya lama wodhakkaa jirtuun bayanee, halkaniin baqatanee qachaa keessaa bayanee, gara dhooqa Yordaanosiititti gad bu'ane. 5 Loltooti Baabilonii ammoo isaan ariitee, dirree Yeriko'ootitti isaan dhaqqaddee Zedeqiiyaa mooticha qadde; isa boojitee, gara qachaa Riiblaa ka lafa Haamaatii keessa jiruu, gara mootii Baabilonii isa geessane; mootichille achitti isatti mure. 6 Mootiin Baabilonii ilmaan Zedeqiiya'aa iluma isaa duratti Riibla'atti ijjeese; qondaaltota Yihuda'aalle mara ijjeese. 7 Achiin duuba inni gara Baabilonii geessiisaaf, ila Zedeqiiyaa keessaa baasee wodaroo sageettu'uutiin isa hidhe. 8 Worri Baabilonii mana mootumma'aatii fi mana kolba'aa mara gubanee dalleya Yerusaalemiille diigane. 9 Achiin duuba ajajaan loltoota mooticha eeganuu Nebuzaraadaan worra qachaa keessatti hafe, namoota harka isatti kennatee fi kolbaa dhibii mara wolitti qabee booji'ee gara Baabilonii geesse. 10 Nebuzaraadaan ajajaan loltoota mooticha eeganuu, namoota hiyyeeyyii waan tokkolle hin qanne garii biyya Yihuda'aatitti lakkise; yennuma san addee muka woyni'ii itti dhaabbatanuu fi fichaa isaaniif kenne.
15 Ermiyaas badhinna eeddotaa ta badhinna mana mootumma'aa keessa mana hidha'aa keessa adoo jiruu, jechi Mootii Waan Maraa gara isaa dhufee, 16 «Dhaqiitii Ebeed-Melekii nama biyya Itoophiya'aatiin[a], ‹Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii: Akkuma qara dubbadhe qananummaa addoo hin te'in badii qachaa kana irratti hin fida; guyyaa san ilti teeti adoo dhaggituu tun hin muummotti. 17 Guyyaa san ammoo ani si hin hambura malee harka worra sodaattuutitti dabarfantee hin kennantu. 18 Ati natti waan addatteef ani dhugumaan si hin hambura; ati milixxee lubbuu hin hatta malee shallaaga'aan hin duutu jedha› jedhiin» jedhe.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 38Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 40 ->- a Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.
Languages