4 «Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade Waaqi Israa'elii, worra Yerusaalem keessaa gara Baabilonii akka booji'amanu godheen, 5 ‹Mana ijaaradha'aatii keessa tee'a'a; ficha'atti woy dhaabadha'aatii midhaan irraa dhaggatane nyaadha'a; 6 Niitii fuudha'aatii ilmaa fi intala uumadha'a; ilmaan teessan fuusifadha'aatii durra teessanille heerumsiifadha'a; isaan ijoollee horanuu ti; laakkossi isaanii bacatuutii malee hin diqqaatin. 7 Qachaa ani akka isin booji'antanee itti geeffantanu godheefille, nageyaa fi qananummaa halcha'aaf; qachaa saniif gara Mootiin Waan Maraa daadimadha'a; sababille qachaan sun yoo nageya qabaate, isinille nageya hin qabaattan› jedhee dubbateera» ka jedhu. 8 Ee, Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqa Israa'elii, «Raagotii fi worri moru ka odduu teessan jiranu isin hin sobin; oojjuu isaan isiniif oojjatanulle hin caqasina'a. 9 Isaan maqaa kiyyaan raaga dharaa raagan malee ani isaan hin ergine» jedha.
10 Mootiin Waan Maraa, «Woggaan torbaatam isin Baabilon keessa turtanu yennaa hobbaate ani isin hin ilaala; gara addee tanaa isin deebisiisaaf, waadaa kiyya dansaa isiniif gale san hin muummessa. 11 Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti. 12 Isinille gara kiyya dhuttanee maqaa kiyya waammattaa gara kiyya hin daadimattan; anille isiniif hin dhage'a. 13 Isin na hin barbaaddan; gadhaa tokkochaan yoo na barbaaddane na hin dhaggitan. 14 Anille akka isin na dhaggitanu hin godha; boojuu keessalle'ee isin hin deebisa; gosa biyya adda addaatii fi addee isin itti bittinneesse mara keessaa wolitti isin qabee gara lafa akka isin keessaa booji'antanu godhetti isin hin deebisa» jedha.
15 Isinille, «Biyya Baabilonii keessatti Mootiin Waan Maraa raagota nu'uuf kaaseera» hin jettan. 16 Mootiin Waan Maraa ammoo marroo mooticha barcumaa mootummaa Daawitii irra tee'eeruutii fi marroo kolbaa isin woliin adoo hin booji'amin hafanee qachaa kana keessa jiranuu, 17 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani shallaagaa, beelaa fi balaa isaanitti ergee, akka midhaan muka harru'uu hamaa ka nami nyaatuu hin dandeennee isaan hin godha. 18 Ani shallaaga'aan, beelaa fi bala'aan isaan hin ari'a; mootummoota biyya lafaa mara duratti waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan hin godha; gosa biyya adda addaa oddu'utti addee isaan itti bittinneesselle'etti akka abaaramanuu fi jibbamanu, akka isaanitti murganuu fi akka isaanitti cooranu hin godha. 19 Isaan jecha ani karaa tajaajiltoota tiyya raagotaatiin itti deddeebi'ee isaanitti ergee hin dhageenne; isin worri booji'antanelle jecha kiyya hin dhageenne. 20 Tanaaf isin worri ani akka isin Yerusaalem keessaa booji'antanee gara Baabilonii ergantanu godhe marti, jecha ani Mootiin Waan Maraa dubbadhu dhage'a'a!» jedha.
21 Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, Waaqi Israa'elii, marroo Ahaabii ilma Kolaaya'aatii fi Zedeqiiyaa ilma Ma'aseya'aa worra maqaa isaatiin raaga dharaa raaganuun, «Ani harka Nebukadnezaarii mootii Baabiloniititti dabarsee isaan hin kenna; innille iluma teessan duratti isaan hin ijjeesa. 22 Worri Yihudaa keessaa booji'amee Baabilon keessa jiru marti, ‹Akkuma mootiin Baabilonii Zedeqiiya'aa fi Ahaab ibiddaan gube, Mootiin Waan Maraa si gubu› jedhaa wol abaaran. 23 Isaan niitota namoota dhibi'ii gaarayyeeffatanee dubbii ani isaan hin ajajin maqaa kiyyaan dhara dubbatanee, Israa'el keessatti waan nama qaanessu hujaneeran; ani tana waan beekuuf, dhugaa hin baya» jedha.
29 Hayyichi Sefaaniyaan xalayaa san raagicha Ermiyaasiif dubbise. 30 Achiin duuba jechi Mootii Waan Maraa gara Ermiyaasii dhufee, 31 «Ergaa tana gara worra booji'ameeru maraa ergiitii, ‹Mootiin Waan Maraa marroo Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamii: Ani adoo isa hin ergin Shemaa'iyaan raaga isiniif raagee waan dharaa akka isin dhugeeffattanu waan godheef, 32 ani dhugumaan Shemaa'iyaa nama biyya Nehelaamiitii fi sanyii isaa hin adaba; inni namooti na irratti akka ka'anu waan godheef, odduu kolbaa tanaatitti nama isaaf hafu hin qabaatu; inni waan dansaa ani kolbaa tiyyaaf godhulle hin dhaggu jedha› jedhiin» jedhe.
<- Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 28Kitaaba Ermiyaasii Raagichaa 30 ->
Languages