3 Ermiyaas ammoo deebisee isaaniin, «Dhaqa'aatii Zedeqiiya'aan, 4 ‹Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, worra dalleyaan alaan isin marsane, mootii Baabiloniitii fi worra baabilonii loliisaaf meya woraanaa ka isin harkatti qabattane san isin irratti garagalcha; qachaa kana keessalle'etti isaan wolitti hin qaba. 5 Aninuu harka kiyya diriirfadhee irree jaddu'uun, aari'iin, aarii bobeettuu fi mufii guddo'oon isin hin lola. 6 Namaa fi horii qachaa kana keessa jiranu mara dhowee, balaa gudda'aan hin fixa. 7 Saniin duuba mootii Yihuda'aa Zedeqiiyaa, qondaaltota isaatii fi kolbaa qachaa kana keessaa worra balaa irraa, shallaaga'aa fi beela irraa lubbu'uun hafane, harka mootii Baabilonii Nebukadnezaariititti, harka diinota isaanii worra jiruu isaanii balleessiisaaf barbaaduutitti dabarsee isaan hin kenna; mootichi shallaaga'aan isaan hin ijjeesa; inni isaaniif hin mararu yookiin isaaniif hin nawu yookiin gadhaa hin laafu› jedha'aatii itti hima'a» jedhe.
8 Mootiin Waan Maraa ammalle raagichatti dubbatee, «Kolbaa tanaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo ani karaa jiru'uutii fi karaa du'aa isin dura keyeera. 9 Nami qachaa kana keessatti hafu marti shallaaga'aan, beelaa fi bala'aa hin du'a; nami achi keessaa bayee worra Baabilonii ka qachaa marsanetti harka kennate ammoo hin du'u; jiruulle'een hin baya. 10 Ani qachaa kana irratti waan dansaa adoo hin te'in waan hantuu godhiisaaf murteeffadheera; qachaan kun harka mootii Baabiloniititti dabarfamee hin kennama; innille ibiddaan hin guba› jedha.
11 «Mana mootummaa Yihuda'aatiin, ‹Jecha Mootii Waan Maraa dhage'a'a!› jedhiin. 12 Ee sanyii Daawitii, Mootiin Waan Maraa isiniin, ‹Sababa hujii hantuu isin hujjaneef, aariin tiyya akka ibidda eennulle dhaanfuu hin dandeennee akka hin bobeenne, guyyaa mara haqa huja'a; nama saamame harka worra isa cunqursuu keessaa baasa'a.
Languages