11 Mootiin Waan Maraa, «Ani dhugumaan kaayoo dansa'aaf si baase; yennaa badi'ii fi rakkinna keetii diinoti keeti akka si kadhatanu hin godha. 12 Nami sibiila yookiin sibiila sageettu'uu ka biyya kaabaatii dhufu cassuu hin dande'aa ree?
13 «Sababa cubbuu teessanii maraaf karraa fi qabeenna keessan gatii malee worra saamutti dabarsee hin kenna. 14 Aariin tiyya ibidda isin gubu isinitti waan qassiittuuf, lafa hin beenne keessatti diinota keessaniif garba akka teetanu isin hin godha» jedhe.
15 Achiin duuba ani, «Ee Mootii Waan Maraa, ati hin beetta;
na qaabadhuutii na qarqaar;
worra na miidhulle ati naaf haluu bayi.
Ati ossaamessa waan teeteef,
na hin balleessin;
ani si'iif jedhee akka salphadhe hin beetta.
16 Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Waan Mara Dandeettu,
ani maqaa keetiin waan waamameef,
jechi keeti yennaa gara kiyya dhufe,
ani nyaadhee, gammadee burraaqe.
17 Worra caaqu woliin tee'ee,
isaan woliin hin laallifanne.
Harka keeti jala waan jiruuf,
ati aari'iin waan na guutteef,
qofii tiyya tee'e.
18 Dhibeen tiyya maaf natti jabaatte?
Madaan tiyya maaf kulkultee fayyuu didde?
Ati akka burqaa bisaanii ka nama sobuu,
akka madda goguu maaf natti teeta ree?» jedhe.
19 Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Ati cubbuu irraa yoo deebite, ani adde'etti si hin deebisa; atille na hin tajaajilta. Ati dubbii woy hin baane lakkittee, dubbii woy baatu yoo dubbatte, ati ammalle raagaa kiyya hin teeta; kolbaan gara keeti deebituutii malee ati gara isaanii hin deebitu. 20 Ani kolbaa tanaaf akka dalleya sibiila sageettu'uutiin ijaaramee si tolcha. Isaan si loliisaaf si irratti hin ka'an; ammoo ani si fayyisiisaa fi si baasiisaaf si woliin waan jiruuf, isaan si hin injifatanu. 21 Ani harka worra hamoole'eetii si hin baasa; harka worra gadhi-jabeeyyi'ii keessalle'ee si hin woda» jedha.